Saba Oromoo fi Sirna Gadaa (The history of the Oromo nation and the Gadaa System)

 

Photo

 

 

 

Saba Oromoo Fi Sirna Gadaa

Dhibbaa alagaa bitamuu waggaa dhibbaa Oromoo irra turuurraa kan ka’e hedduun ummata Oromoo har’a Oromummaa isaa haa beeku malee, seenaa ummanni kun keessa dabree as ga’e ragaa qorannoon deggaramee barreeyfame irraa wanti inni hubatu baay’ee xiqqaadha.
Ammaas tanaan seenaa ummaata guddaa kanaa guutumatti barreeyfamee jira jachuu utuu hin ta’in gaaffiilee Oromoon tokko ofgaafatuufiis tahee, seenaa dharaa diinni Oromoo irratti odeessuuf deebii ga’aa ni taha waan jedhamuuf; kunoo seenaa Oromoo kan sab-boontoota ilmaan Oromootiin haala rakkisaa keessaaa barreeyfamee, akka ummaata keenya gargaaruuf asirratti maxxansine. Nuti maxxansitootni kan keessa qabnu gulaala dogongora qubee dabree dabree mul’atuufi maxxansaa qofa malee, qophiin isaa kan sab-boontoota ilmaan Oromoo tahuu isaa osoo hin hubachiisne bira hin tarru.

Barbaachisummaan barreeyfama kanaa bal’inaan seenaa irratti waan kaa’amee jiruuf, Oromoon ani eenyu? Maddi koo eessa? Daangaan koo eessa? Firaafii diinni koo eenyu kan jedhu hundi haala gahaatiin deebii quubsaa akka argachuu dandayu shakkii hin qabnu.

Sirna gadaa

Hamma kiyyoo kolonii jala hin seeniniti Oromoon sirna ittiin bulan kan mataa isaanii qabau turan. Maqaan sirna kanaas Gadaa jedhama. Sirni kuniis bal’aa ture. Dhimma jireenya ummata Oromoo fuula hundaan kan ilaalu sirna siyaasa, aada diinagdeefi amantiiti. Sirna hawaasaa guutuu ture jechuudha. Sirni Gadaa sirnaafi seera Oromoonni ittiin walbulchu, kan duulee roorroo ofirraa ittisu, kan dinagdee isaa ittiin tikfatuufi dagaagfatu, akkaata inni itti waliin jiraatuufi kan hawwiin dhala Oromoo cufa ittiin guutu ture.

Sirn kun haala Oromoonni tokkummaan isaanii laaffate kan itti roorrisaa turan Habashaafi Affaar ofirraa deebisuu dadhabe keessatti, haala hawaasaa ilaalerraa, jaarraa 14ffaa keessa biqiluu jalqabee suuta guddatee deeme. Oromoota sirna akkasii jalatti qindeessuudhaaf yeroo dheeraa fudhate. Oromoota gosatti hiraman walitti fidanii sirna tokko jalatti walitti qabuun kufaatiifi ka’uumsaa yeroo dheeraa gaafate. Gara walakkaa jaarraa 15faa isa lammaffaa keessa sirna gutuun argamuu dandaye.

Akkaata himamsa aadaa Boorana kibbaa keessatti yeroon itti Gadaan dhaabbate kanumaan walkipha. Akka mangoddoonni Booranaa himanitti Gadaa jaaruuf yaalii dheeraan eega godhame booda, Gadaan yeroo dheeraaf bifa hojechuu dandayu dhaabbate. Gadaa kanatti Abbaan Gadaa Gadayyoo Galgaloo ture. Raabni isaa (yeroosii) Yaayyaa Gulleelee jedhama ture. Eega gaafasii jalqabee Booranni Abbootii Gadaa 61 lakkaawa. Kanarraa waggaa saddeet saddeetiin yoo herrgne (Gadaan tokko waggaa 8) 61X8 = 488 taha. Eega Gadaan ijaarame, akka himamsa manguddootti Booranatti waggaa 488 taha jechuudha. Barri isaa 1499tti dhihaata. Kanaaf, sirni kun ijaaramuun isaa walakkaa jaarraa 15ffaa isa lammaffaa keessa kan jedhame dhugaa taha.

Sirna Gadaa keessatti wanni hundi gadaan walilaala. Lakkooysi yeroo, aadaan, amantiin, jireenyi hawaasaa, ittisi biyyaafi kkf hundi hidhata Gadaa qabu, fakkeenyaaf sadarkaalee Gadaa, goggeessa Gadaa, abaluu abaluu..jiru. kun, eegaa Gadaan sirna kabajamaafi guutuu akka ture mirkanessa.

Bara itti Gadaan sirna gutuu ture sana akka silaa tahutti galmeessuun hindandaymane. Hammi galmeeyfame baay’ee yaraadha. Sana keessaahillee irra guddaan kan baroota dhihooti. Waa’een isaa hammi beekamu baay’ee yaraadha. Guddinaan odeeffannoon argaman oduu afaaniin kan daddabraniidha. Isaaniis bakka bakkati garagar tahu. Sunillee Gadaan Caffe Caffetti deebi’uu haa agarsiisu malee, tokkummaa sirna kanaaf ragaa kan tahu haftee sirna kan Gadaa Booranaa har’aalee haga taheefuu hojjataa jiruudha. Kanaaf, waa’ee sirna Gadaarratti hangi hubatame xiqqaadha. Waliigalatti sirna kana caalatti hubachuudhaaf qormaata cimaa sirna Gadaa kan mul’isan armaan gaditti ilaalla.

uunkaa jereenya hawaasaa
siyaasaa sirna Gadaa
aadaa sirna gadaa
amantii sirna gadaa
1. Uunkaa jireenya hawaasaa

Hawaasa keessatti dhalli namaa kophaa hinjiraatu. Kophaas hindalagu. Namoota biraa wajji jiraata, hojjataas. Jireenyi dhala namaa walitti hidhaataadha. Hawaasa Oromoo bara Gadaa keessaa yoo fudhannee akkaataa jiruufii jireenya Oromoo, akkaataa qoodama dalagaa, hariiroo ummanni Oromoo hawaasa keessatti waliinqabau, sirna Gadaa keessatti qaama tokko. Akkaataan polotikaa sirnichaas uunkaa jireenyya hawaasa Oromootti hidhamee jira.

Uunkaa jireenya hawaasa sirna Gadaa keessaa hubachuuf waan kanaa gadii hubachuun barbaachisaadha. Suniis:

a. Goggeessa Gadaa (Miseensaa) fi Marsaa Gadaa

b. Hiriyyaa

c. Ilmaan jaarsaafii ilmaan Kormaa

d. Sadarkaalee Gadaafi Murnoota Gadaa

a. Gaggeessa Gadaa(miseensa) fi Marsaa Gadaa:

Gadaan tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa saddeettan waliin GADAA TOKKOTTI YEROO ITTI AANGOON polotikaa warra Gadaa tokko harka jiraatuudha. Kanaaf, Gadaan waggaa saddeet saddeetiin lakkaawama. Waljijjiiraas. Waggaan saddeettan Gadaa tokko maqaa mataa isaa qabaata. Gadaa tokkicha maqaa adda addaa qabaatu. Kun Goggeessa Gadaa ykn miseensa jedhamee waamama. Kun hawaasa Oromoo keessaa, bakka gargaraatti maqaa adda addaa qabata. Jechuun:-

Boorana keessatti- Goggeessa Gadaa jedhama.

Tuulama keessatti- Miseensa jedhama.

Arsii keessatti- Miseensa jedhama.

Gujii keessatti-Baallii jedhama.

Ituu keessatti-Miseensa jedhama.

Qormaata Gadaa Oromoo bakka bakkaarratti godhameen lakkooysi Goggeessa gadaa bakka heddutti shan. Kan kanarraa adda tahees nijiraa. Fakkeenyaaf Boorana keessatti Goggeessa Gadaa torba qabaatu jira. Maqaan isaaniifi tartiibni isaaniia kopha kophaafi beekamaadha. Hoggaa Goggeessi Gadaa jiran tartiibaan deemanii raaw’atan gara isa jalqabaatti deebi’uudhaan marsaa tokko tahu. Goggeessi Gadaa tokko bakka heddutti waggaa 40 booda malee, hin deebi’u. Fakkeenyaaf Ituu keessatti Goggeessi Gadaa (missensi) jiran, Hormaata, Sabbaaqa, Dibbeessa, Fadataafi Daraaraadha. Kanneen tariiba maqaa Gadaawwan waggaa saddeet saddeetiin deeman tahanii Daraaraan gaafa raaw’ate Hormaatatti deebi’a jechuudha. Yeroon kun itti raaw’atee deebi’ee marsuuf naannawuu marsaa Gadaa tokko taha. Marsaan Gadaa tokkoo waggaa 40 qabaata. Goggeessi Gadaa shanan, walitti marsaa Gadaa shanan jalqabarraa ka’anii tartiibaan deemanii xumuramanii marsuuf gara isa jalqabaatti kan deebi’an kun “marsaa Gadaa(Gadaa cycle)” jedhama.

Yeroo idiletti laalamu jireenya nam tokkoo keessatti, Marsaa Gadaa lamaatu jira. Isaaniis, Marsaan duraa Gadaa abbaa yeroo tahu, inni lammaffaa Gadaa ilmaati. Ilmi Marsaa tokko fixee, Gadaan isaa kan abbaa tahe, kan itti aanu kan ilmaan isaa taha jechuudha. Akkuma kanatti itti fufee dabra.

Eega, bakka heddutti Marsaan Gadaa waggaa 40 akka qabaatu olitti ilaalleerra. Arsii keessatti miseensi Gadaa tokko waggaa 16 waan qabuuf kanarraa adda. Kanarraa Marsaan Gadaa Arsii keessatti waggaa 80 taha jechuudha.dagaagina keessaa Gadaan eega Caffetti qoodamee, as lakkooysifi maqaan Goggeessota Gadaa Marsaa Gadaa tokko keessa jiranii bakka adda addaa tahuun mul’ateera. Kanaas, qabsiisuuf armaa gaditti mee haa ilaallu. Maqaan Goggeessota Gadaa bakka garagaraatti:-

Goggeessa Gadaafi Marsaan Gadaa waan hiriyymummaafi aangoo polotika ilaaluun hariiroo murteessa qabu. Sanaas bal’inaan booda laalla.

B. Hiriyyaa:-

Hiriyyaan warra goggeessi Gadaa isaanii tokko taheedha. Kana jechuuniis hawaasa Oormoo keessatti warrii waggaa Gadaa keessatti dhalatan hundiifi kan maqaan Goggeessa Gadaa isaanii yoo dulloomoo tahanillee wal’irraa bu’ee yookaa tokko tahee hiriyyaadha. Ijoolleen waggaa Gadaa 1-8 jidduufi gaheeyyiin waggaa Gadaa 45-56 jidduu yoo Goggeessi Gadaa isaanii tokko tahe hiriyyaa tokko jedhamu. Marsaan Gadaa naannawutti walitti fidee ijoolleefi jaarsoolii hiriyyaa taasisaa. Marsaan Gadaafi Goggeessi Gadaa akkanatti hiriyyummaa murteessu. Hawaasa Oromoo keessatti hiriyyaan akka obbaleeyyaniitti wal’ilaalu. Ayyaana gurguddaafi beekamoorratti hiriyyaan wal argee waliin turuudhaan walfaarsa. Jaalalti walii, walamanuun, waliif dhimmuun, walgargaaruun…kkf hiriyyaa biratti jabaadha. Aangoo polotikaa keessatti paartii tokko tahu.

Kanaf, hiriyyummaan karaa hawaassfi polotikaa Oromootaa walitti hidhuudha. Waa’een hiriyyaa hoggaa akkas tahu, ijoolleefi ga’eessoota maaltu walitti fidee hiriyyaa godha? Gaaffiin jedhu ka’uun nimala. Gaaffi kana deebisuuf, nama Goggeessa Gadaa isaatiin Gadaa keenya jedha. Gadaa isaa faarsa, kabaja. Kanarraa akka ilaalcha polotikaa baraatti hubachuuf waan Paartii ilaaluun gaarii taha. Hawaasa keessatti paartiileen uumamtu turan jechuudha. Goggeessi Gadaa shanan paartiilee shan kan ijoolleefii manguddoota hiriyyaa godhuus paartii tokkicha waliin qabaachuudha.

c. Ilmaan kormaafi Ilmaan jaarsaa:

sirna Gadaa keessatti Ilmaan kormaafi Ilmaan Jaarsaa qoodameef beekama. Kan hawaasa bakka lamatti qooduudha. Kun jireenya hawaasa Oromoo bara sirna Gadaa keesaatti akkaataa Qabannoo aangoo polotikaa kan murteessuudha. Warra aangoo polotikaa qabachuuf deemaniifi kanatti hawasa qooda. Kuniis, waggaa Gadaa wajjiin walitti hidhataadha. Carraan aangoo polotikaa keessaa qooda qabaachuufi dhiisuun isaa yeroo itti dhalaterratti hundeeyfama. Kanaaniis ilmaan Oromoo yeroo dhalatanirraa kaasee ilmaan kormaafi ilmaan Jaarsaatti qoodamu. Akkaataan qoodamaa kuniis, seera umamaa kan hordofu qaba.

Ijoolleen Abbootiin isaanii sadarkaalee Gadaa keessa seenanii yeroo isaan aangoo polotikaa qabachuttii dhihaatan ykn qabatan (gadooma keessa) dhalatan ” ilmaan kormaa” jedhamu. Isaaniis, bara Gadooma abbootii isaanii keessa (waggaa 40 abbootii isaanii eeganii) kan dhalatan waan tahaniif sadarkaa Gadaa keessa seenuudhaan miseensa paartii tahuu dandayan. Kanaaf aangoo polotikaa keessaa qooda fudhachuu dandayu.

Ilmaan Gadooma abbootii isaanii (aangoo polotikaa qabachuu) dura ykn booda dhalataniifi abbootiin sadarkaalee Gadaa seenuu hindandeenyerraa dhalatan hundi “ilmaan jaarsaa” jedhamu. Ilman jaarsaa warra sadarkaalee Gadaa seenanii miseensa paartii tahuu hindandeenyedha. Kanaafiis aangoo polotikaa keessaa warraa qooda fudhachuu hin dandeenyeedha. Ilmaan jaarsaa warra waliin dhalatan hundaan hiriyyaa tahuu dandayu, jechuun ilmaan kormaa wajjiinillee hiriyyaa walii tahuu dandayu.

Eega, hawaasa keessatti Gadoomuuf carraa kan qaban ilmaan kormaa thuu hubanne. Ilmaan kormaa gaafa dhalatanirraa kaasee sadarkaalee Gadaa seenanii akkuma gudachaa deemaniin dalagaa garagaraarratti dirqama polotikaafiis qophaawan. Kun dirqama isaaniiti. Ilmaan jaarsaa garuu, waa’een waan qoratamuufi baratamu hundaaf dirqamuun yoo hawaasicha keessa jiraachuu dandayuuf tahe malee, itti hin dirqaman. Ilmaan Oromoo akkanatti qoodamuun bakka heddutti mul’ate. Gadaa Boorana, Maccaa, Tuulamaafii Gujii keessatti qoodamni kun jira. Qoodamni yoo hinjiraanne tarii Gadaa Arsii, Ituufi Humbanna keessatii tahuu hin’oolu.

d. Sadarkaalee Gadaafi Murnoota Gadaa:

Akkaataa waggaa dhalootaatiin gurmuu ykn murni ilmaan kormaa tartiibaan keessa dabran sadarkaa Gadaa jedhama. Sadarkaan Gadaa maqaa gurmuu waggaa dhaloota ilmaan kormaati jechuudha. Gurmuu kanaan akkaataan jiruufi jireenya dhala Oromoo hundaatu keessatti murtaawa. Ilmaan kormaatu kormaatu keessa daddabran yoo tahellee, jirenya dhala Oromoo karaa polotikaa, amanti, aadaa, dinagdeefi waraanaafi kkf keessatti kan ilaalu addatti maqaa haaqabaatan malee akkaataan guddinaa, dalagaafii jireenyaa, kan ilmaan Jaarsaa wajjiin tokkuma. Karaa polotikaatiin garuu, garaagarummaa guddaatu jira. Tahullee sadarkaaleen Gadaa jiruuf jireenya dhala Oromoo mara calaqqisiisa. Sadarkaalee Gadaa garagaraakeessatti ilmaan Oromoo dirqama (dalagaa) adda addaatu isa eeggata. Yeroon isaas osoo hin gahinnillee waan beekamuuf sadarkaa itti aanuuf isa qopheessaa ture.

Sadarkaa Gadaa tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa saddeet saddeettan kanaan namni Oromoo hamma gaafa dulloomee du’utti hawaasa keessatti bakkafi qoodama dalagaa qabaata. Sadarkaaleen Gadaa ilmaan kormaa keessa dabran bakka gariitti amala addaa yoo qabaatanillee waliigalatti akka armaa gadiitti keenya.

1. Dabballooma waggaa 0-8

2. Gaammoma waggaa 9- 16

3. Dargaggooma waggaa 17- 24

4. Kuusoma waggaa 25- 32

5. Raaboma waggaa 33 – 40

6. Gadooma waggaa 41- 48

7. Yubooma waggaa 49- 56

Gadaa Tuulamaa keessatti Gadoomni waggaa 32 – 40 gidduutii waan taheef kana yaadachiisuun barbaachisaadha. Armaa gaditti sadarkaalee Gadaa jiraniifi murnoota Gadaa isaanii laalla.

1. Dabballooma

Kun jecha dabballee jedhamu kan Gadaa Booranaarraa fudhatameedha. Ijoolleen dhiiraa Gadooma abbaa isaanii keessatti dhalatan Dabballee jedhamanii yaamaman. Ijoolleen kun waggaa saddeet hamma fixaanitti Dabballetti beekamu, Boorana keessatti Dabballee haa jedhaman malee, bakka biraatti maqaa biraa qabu. Fakkeenyyaaf:

a. Tuulam keessatti – Itti makoo jedhamu.

b. Ituu keessatti – maxxarrii jedhamu.

c. Gujii keessatti- Suluda jedhamu.

Sadarkaan Gadaa kun bakkayyuu waan jiruuf walitti qabatti Dabballoota jechuun hin badu. Dabballoomanii sadarkaa Gadaa isa dura ilmaan kormaa akka dhalataniin itti seenaniidha. Sadarkaa Gadaa kanatti ijoolleen hojii beekamaa hinqaban. Naannoo qa’ee turanii toohannoofi tajaajila guddaadhaan guddatan. Ilmaan kormaa sadarkaa kana:

a. Boorana keessatti ilmaan Dooriiwwaniifi warra Gadaati.

b. Tuulam keessatti Foollee jedhama

.

2. Gaammoma:-

jechi kun sadarkaa Gadaa Boornaa keessaa maqaa gaammee jedhamurraa kan fudhatameedha. Ilmaan kormaa sadrakaa Dabballoomaa fixan Gaammotti dabru. Waggaa 8 – 16tti akkaataa itti rifeensii isaanii qoramurraa yoo jedhame dhugaadharraa hin fagaatu. Ijoolleen dhiiraa sadarkaa Gammomaarra jiran:

a. Booran keessatti – Gaammee xixiqqoo jedhamu.

b. Tuulama keessatti – Dabballee jedhamu.

c. Gujii keessatti – Dabballee jedhamu.

d. Ituu keessatti – Ruuboo jedhamu.

Gaammoonni sadarkaa Gadaa yeroo itti ijoolleen jabbiilee tiksan, hojii warraarratti gargaaraniifi loon tiksaniidha. Dalagaa kanaafi kana fakkaatanitti haa bobbahan malee, sadarkaa kanatti tohannoo warraa ala hin bahan. Yeroo kanatti taphatanii caalatti walbaruu jalqabu.

1. Dargaggooma

Yeroo kana kan itti dargaggooman waan taheef, sadarkaa Gadaa kanaas bakka gargaraatti maqaa garagaraa waan qabuuf sadarkaa kanaan, Dargaggooma jedhama. Ilmaan kormaa sadarkaa lammaffaa fixanii waggaa 16 – 24 jidduu:

a. Booran keessatti – Gaammee Gurguddaa jedhamu

b. Tuulam keessatti – Foollee jedhamu.

c. Gujii keessatti – kuusa jedhamu.

d. Ituu keessatti – Goobam jedhamu.

Dargaggoomni sadarkaa itti namichi toohannoo warraarraa hillee walaba tahaa deemuufi warrarraa fgaatee soch’auu dandayuudha. Akkasumas, yeroo itti jabina, beekumsafi jagnummaa ofii mul’isuu jalqaabniidha. Jiruu dhufataa deemuudhaan yeroo itti ofdandayutti tarkaanfataniidha. Hawaasichaa bu’aa buusuufiis kan keessatti ofqophessu. Dalagaarratti bobbahanii, loon fagaatanii bobbaasuu, ol’aantoota isaanii wajjiin deddeemuu, adamoo bahuufi bineessoota loonirraa ittisuudha.

4. kuusoma

kuusomni sadrkaa loltummaati. Naannoo garagaraatti ilmaan kormaa sadrkaa kanaa adda addaa qabaatanillee Booran keessatti kuusa waan jedhamaniif kanarraa fudhannee kuusoma ittiin jenne.

Murni kun:-

a. Boorna keessatti – Kuusa jedhama.

b. Tuulama keessatti – Qondaala jedhama.

c. Gujii keessatti – Raaba jedhama.

d. Ituu keessatti Raaba jedhama.

Hawaasa Oromoo bara sirna gadaa keessatti, kun murna lolu ture. Waggaa 25 – 32 jidduu kan tahan dirqama loltummaa qabu. Namuu roorroo biyyarra geesse ittisuuf waan ittiin lolu- xiyyaas tahee, eeboofii gaachana mataa isaatii qopheeyfatee farda lolaas qabaate taha. Lolli argamnaan akka dhagayeen qophaawee walgurmeessee duula. Kanatti dabalee waan dhimma biyyaa ilaalan yeroo kanaa kaasee qorachuu dandaya. Sadarkaan kun, Tuulamaafi Ituu keessatti yeroo itti ilmaan kormaa aangoo qabachuuf ofqophessan, sadarkaa 4ffaa tahuudhaanifi dirqama loltummaa qabaachuudhaan tokko yoo tahan kaanirraa kanaan adda bahu.

1. Doorama

Bakka heddutti sadarkaa itti aangoo qabachuudhaaf ilmaan kormaa qophii barbaachisaa godhaniidha. Yeroo kana keessatti dhimma biyya, bulchiinsa, sera, aadaa, amantiifi seena dabre baratu. Waa’ee sirna Gadaa caalatti hubachuu dandayu. Haalli isaanii warra biyya bulchuu ykn qondaaloota Gadaa wajjiin walitti hidhataadha. Bakka warrii Gadaa itti murtii seeraa kennan, dubbii gosaa ilaalanfi marii godhanitti argamanii irraa baratu. Bakka aadaafi amantiitti argamanii sirna qalbifatu. Caffee yaa’ii Gadaarratti argamanii murtii kennuudhaan hojiidhaan ofqaru. Hayyoonniifi manguddoonni biyyaarraa qoratanii barachuudhaan beekumsa isaanii bal’ifatu. Biyya keessa sossohanii ummataan walbaruu, akkanatti aangoo polotikaaf ofqopheessu jechuudha.

Sadarkaan kun, Tuulamafi Ituu keessatti isa afraffaadha. Ilma kormaa sadarkaa kanaa, akkamu asii olitti kaa’ametti Tuulama keessatti qondaala, Ituu keessatti Raba jedhamu. Sadarkaan Gadooma isaanii waggaa 32- 40 jiddutti waan tahaniif, isaan keessatti dalagaa akkanaa (doorama) kan qaban wagaa 23-32 jidduutti kan jiran Tuulama keessatti Qondaala, Ituu keessatti Raaba, akkanatti ofqopheessu.

Boranaafi Gujii keessatti ammoo, yeroon aangoon qabanna tartiibaan waggaa 45-53ttifi waggaa 40-48tti waan taheef, yeroon itti aangoof ofqopheessan kun waggaa Gadaa 32-40 jiddutti taha. Arsii kessattiis akkanuma.

Sadarkaa Dooramaa Booranaa keessatti iddoo lamatti qoodama. Isaniis Raabamaafi Doorama tahu. Raaboonni yeroo itti ilmaan kormaa Raaba tahan jedhamu, waggaa 32-40 jiddutti. Waggaa 41-45tti Doorama jedhama. Inniniis yeroo itti ilmaan kormaa Doorii jedhamaniidha. Kanaaf, sadarkaadhaan bakka itti garaagarummaan jiru tokko kana taha. Kuniis kan mul’ateef dagaagina sirni Gadaa arge keessatti jijjiiramni waan argameefi. Yoo sadarkaa kana ilaalle ilmaan kormaa sadarkaa shanaffaatti (waggaa 32-40 jiuddutti)

a. Tuulama keessatti- Luba jedhama.

b. Ituu keessatti – Doorii (Raaba-dorii) jedhamu.

c. Boorana keessatti – Raaba dorii jedhamu.

d. Gujii keessatti – Doorii jedhamu.

Idileen sadarkaa kanatti kan ilaalle garuu, Dooramni qophii aangoo qabachuuf godhamuudha.

6. Gadooma

sadarkaa itti ilmaan kormaa aangoo polotikaa qabataniidha. Yeroo itti warri Gadaan isaanii geessee biyya bulchan, seera ilaalan, dubbii Gosaa furaniidha. Sadarkaa Gadaa kun Tuulamafi Ituu keessatti isa shannaffaadha. Boorana, Gujiifi Arsii keessatti ammoo, isa jahaffaadha. Ilmaan kormaa sadarkaa Gadooma Booranaafi Gujii keessatti Gadaa; Tuulamafi Ituu keessatti Luba. Ituu keessatti Raaba doorii jedhamu. Yeroo Gadoomaa:

a. Tuulama keessatti – waggaa 32-40tti

b. Ituu keessatti – waggaa Gadaa 32-40tti

c. Boorana keessatti – waggaa Gadaa 45-54tti

d. Gujii keessatti – waggaa Gadaa 40-48tti

e. Arsii keessatti – waggaa Gadaa 40-48tti taha

Bakka heddutti Gadooma keessatti ilmaan kormaa martinuu sadarkaa Gadaa keessaa hamma guutuu biyyatti dhibdee polotikaa, dinagdee, hawaasafi waraanaa cufa furuuf itti gaafatama qaba.

7. Yubooma

Sadarkaa gadaa, murni itti aangoo Gadaarra ture aangoo eega gadi dhiisee itti dabruudha. Gadaa jaarsummaa ykn manguddummaati. Sadarkaa kana keessatti ilmaan kormaa akka hangafaatti ilaalamu. Dalagaan isaanii warra Gadooman gorsuu, qacheelchuu, maandhaa isaanii kan tahan gorsuu, leenjisuufi barsiisuudha. Gara boodaatti hojiirraa walaboomanii ta’anii sadarkaa itti aangoo dhiisanii soorama seenaa kana keessa kan jiran (kan Yubooma)

a. boorana keessatti – yubaafi booda Gadamoojji

b. Tuulam keessatti Yuba

c. Ituu keessatti Lubajedhamu.

Aadaa sirna gadaa

Dhallii namaa akkaata itti naannoo isaa hubatee, itti jijjiiru qaba. Kana keessatti hooda, safuu, beekumssa, qaroomaafi yaadumsi qooda guddaa kennu. Kun hundi dinagdeefi polotikaa sirna hawaasaarratti hundeeyfamau; kanneenirraa calaqqisa argamaniidha. Akkaataaan itti dhalli namaa naannoo isaa hubatee jijjiiru, daawwannoo dinagdeefi polotikaa kan tahe kun aadaa jedhama.

Sirna Gadaa keessaas aadaan maddu jira. Akkaataa dinagdeefi polotikaa issaarraa aadaan hawaasa Oromoo keessatti, bara Gadaa dagaagee beekamaa ture. “aadaa Gadaa” jedhama. Kuniis sirnicha sirna aadaa fakkeessa. Hubannootni karaa cufaa jiru akka aadaatti fudhatamee hawaasa keessatti fudhatama. Kabajaa, safuu, hoodaafi kkf qabaatee mul’ata.

Hoodni, safuufi amantiin sirna kana keessa ture hundi nama hunda biratti fudhatamee kabajama; sanii ala bahuun hawaasaa ala tahutti waan fudhatamuuf nam-tokkoo kaasee hamma maatiitti, maatiirraa kaasee hamma sabaatti qaama walii tahanii jiraatu. Akkaataan jireenya maatii, fuudhaafii heerumaa, hariiroon uumaa, baasiin gumaa, adabni seeraa cabsaniifi kkf hundi aadaa waan tahaniif fudhtamoo turan. Akka bara saniitti eenyulleen aadaa kana nifudhata. Murtiin du’aa yoo itti dabrellee namni sun aadaa waan taheef, beekee eegumsa tokko malee, taa’ee adaba isarritti raaw’atamu eeggata jedhamee himama.

Waliigalteen jaalalaan, tokkummaan waliinjiraachuuniis aadaa jiraachaa ture. Aadaa kanaa ala bahuun, badii isa sadarkaa oliitti waan fudhatamuuf, namuu aadaa tahuu isaa waan beekuuf sirna Gadaa keessa jiru kabajee osoo keessaa hinbaasin kabajee jiraata.

Heeraafii seerri biyyaa akka aadaatti fudhatamee jabaata, kabajamaas, waan jiruufi jireenya ofii ittiin geggeeffatan taheef seeraafi heerri ni kabajamu jechuudha. Waan sirna kana keessatti tahan hundi akka aadaafii amala biyyaatti fudhatamee kabajama. Akkaataan qabannoo qabeenyaa itti loon bobbaasan, looniifi bishaan eelaa baasan, itti qotaniifi akkaataan itti waa horatanii dhimma ittiin bahan aadaa Gadaa keessatti gamtoomaafi marabbaatu calaqqisa. Namuu qabeenya mataa isaa qabaatee irratti mirga guutuu qaba. Kan dhabe, kan balaan uumaafi lolli dhaqqabe, kan dhukkubsateefi abaarri itti dhufe, … hundaa suphuufi hadhaadhiyyuun beekamaadha. Har’allee Boorana keessatti “Buussaafi Gonfa” kan jedhamu aadaa osoo hin badin jiruudha. Namuu waan waliin horate waliin dhimma bahuurraa dabree hawaasa keessatti walbadhaasuufi walgargaaruun aadaa Gadaa keessatti beekamaadha.

Aadaa kanaafi kana fakkaatan ala bahuun hawaasa keessaa nama baasa. Jechuun adaba namarratti seeraan dabru malee, waan halaba (out-casted) nama taasisan jiru. Isaan keessaa haraamuu, caphanaa,…fikkf beekamoodha. Namni haraamuu, caphana,.. jedhamee gosa keessaa bahee namummaa dhabee kophaa jiraata; kophaa godaana, qubata. Gargaarsi hawaasummaa keessati godhamuuf irraa dhaabbata. Gatamuun kana fakkaatan waan jiraniif namuu aadaa Gadaa keessaa kabajee jiraata.

Sirna Gadaa keessatti yeroo garagaraatti aadaan jireenya hafuura ilmaan Oromoo calaqqisan jiru. Isaan keeessaa, ayyaanootni beekamoon kabajamuun waan jiraatani. Ayyaanoota kana keessaa kan sirna Gadaa keessaa jireenya polotikaa ilmaan Oromoocalaqqisu ayyaana buttaati. Guutuu hawaasichaa keessatti yeroo itti aangoon polotikaa Gadaa tokkorraa kanitti dabru, ayyaana kanarratti horiin (loon) qalamanii, nyaachisni guddaan godhama. Sirba, tapha, faaruufi wanni kana fakkaatan ayyaanicha ho’isan addatti beekamoodha. Ayyaana buttaa malee, kanneen sirna kana fakkaatanii maqaa mataa isaanii qaban sadarkaa oliiti dhaabbata tahanii yeroo beekoomaatti kabajaman hedduudha. Isaan keessaa garii maqaa dhawuuf:

Boorana keessatti ayyaana Guduruu buufachuufi qumbii walirraa fudhachuu.
Arsii keessatti ayyaana baraartiifi guduruu, gurra uraafii jaarraa qaluu
Tuulam keessatti ayyaana dhagaa kooraafi jaarraa
Gujii keessatti ayyaana bantii haaddachuu
Kanneenii alattiis, cidhni gargaraa yeroo beekamootti bakka bakkatti godhamu, amantiiniis qaama aadaa hawaasichaa waan taheef, ayyaanni amantii sirna Gadaa calaqqisan bakka hundatti godhamaa ture. Ayyaana kana namuu Qaalluu (geggeessaa amantii) muuduudhaan eeyba kadhata, waaqa (rabbi) isaa galateeyfata; biyyaaf nagaya kadhata; hormaatarratti milkaa’uufi ilmaan isaa, uummtaafi mataa isaaf, fayyaafi jireenya kaadhata. Eegaa, kun aadaa amantii sirna Gadaa keessaa isa tokko. Aadaa Oromoo kan bara sirna Gadaa keessatti yeroon baay’ee barbaachisaadha. Guyyaa, ji’a (baati), waggaafi Gadaa lakkaawuudhaan hawaasa Oromoo sirna kan jalatti qindeessuun qaama aadaa ture. Kanaafiis, hawaasa Oromoo keessatti qaroomni (civilization) addunyyaf gumaache kalandarii Oromooti. Kalandariin Oromo kuniis, astronoomiin kan qoratamee argameedha. Ji’a waggaa dhaloota, bara Gadaa, guyyaafi ji’a ayyaanaa lakkaawanii add baafachuuf tattaafii qormaata ji’a, urjiifi aduu irratti godhamaniin qarooma Oromoota adda godhuufi dagaagina argameedha.

Akkaataa kalandarii Oromootti ji’i (baatiin) tokko guyyaa 29.5 qaba. Waggaan tokko ammoo, ji’a 12 ykn guyyaa 354 qaba. Kanneeniis addaan kan baafataman:

ba’uu, seenuufi guddina addeessaa (ji’a) lakkaawuu
bakka, teessuma, mul’ina urjiilee keessaa buusaa, bakkalcha, … to’achuufi jala bu’anii hordafuudhaan tahu.
Hojii mataa isaanii godhanii hordafuudhaan kan hawaasicha beeksisan, beektoota astronoomiiti. Isaaniis beekumsa qaban kana kaaniif dabarsuurratti barnoota laatu, shaakalsiisu. Guyyootiin ji’a tokkoo soddomitti dhihaatan hundi maqaa mataa isaanii addatti qabaatu. Guyyootii jiraniif maqaa 27tu jira. Har’a Boorana keessatti hojjetaa jiru. Maqaan 27n tartiibaan guyyootii 27f tahanii hoggaa xumuraman gara isa jalqabaatti deebi’anii ammaas marsuuf itti fufu. Maqaaleen 27n kun:

Maqootiin kun hundi hiikkaa mataa isaanii qabu. Inniniis urjii, bakkalcha fi ji’arratti huundeeyfamee hiikama. Yeroo hiikamuus ayyaana guyyootii sana ibsu. Fakkeenyaaf, Gidaadaafi Gabra naannaa kan jedhaman ayyaana carraa gadheeti. Inni hiikaa hangafaa waan qabuuf, dureettiin jaalatama waan ibsuufi gaafa wanti hojjetan hundi, waan namatti tolaniifi ayyaana carraa gaariidha. Namni dhalatu ayyaana akkamiirra akka dhalate kanneen irraa himama. Eegaa, hundi qarooma Oromoota haatahan malee, sirna Gadaa keessatti aadaa tureedha.

Waggaa tokko keessa kan jiran ji’ooti (baatiileen) Oromoo 12n maqaa mataa isaani qabu. Isaaniis bakka garagaraatti maqaa adda addaa qabaatu. Ji’ 12n wagga tokko keessa jiran keessa guyyaa 354 akka jiran olitti kaafneerra, ammaas ni yaadachiifna. Maqaan ji’oota Oromoo bakka bakkaatti:

Walumaagalatti aadaan calaqqisan akkaataa dinagdeefi polotikaa sirna tokkoo, akkaataa dhalli namaa ittiin naannoo isaa hubatee jijjiiru tahuu olitti ilaalleera. Sirna Gadaa keessattiis ummanni Oromoo aadaa walii galatti bifa armaan olii qabaatu akka qabu, aadaa kanarraahiis qaroomni ummata Oromoo kalandara mataa isaa qabaachutti akka geesse hubanna. Aadaa sana keessaa immoo amantiin maddee maal akka fakkaatu kophatti ilaalla.

Amantii sirna gadaa

Amaantiin Gadaa ummanni qabaatu keessaa tokko waan sirna Gadaa keessatti hojjetaman aadaa tahee qaama Oromootaa akka ture olitti kaafneerra. Inniniis waan sirna sana gadi jabeesse akka tahe hubatamaadha. Aadaa jiran keessaahiis amantiin hordafamaa ture, sirnicha utubee kan jabeesse dha. Amantiin aadaa haatahuu malee, mataa isaatiis sirna Gadaa keessatti waan aadaa tahan hundaa kan jabeesseedha. Kanaaf amantiifi aadaan tokkummaa akka qaban ifaadha.

Jireenya hafuura qabu keessatti dhalli namaa, hubannoota naannoo isaarraa qabuun waan amanu qabaachuu waan malu, bara Gadaa keessattiis ummanni Oromoo waan itti amanu qaba ture. Inniniis waaqa jedhamee yaamama. Waaqni waan hundumaa ol kan tahe, hunda kan tolcheefi kan uume, waan hunda kan dandayu, … tahuu isaatti amanama. Ormootaafi waaqa kana kan walqunnamsiisan qaalloota jedhamu. Hojiin isaaniis akka qeesotafii sheekootaati.

Qaaloota yeroo jennu akka bara dhihoo keessa ummata samuuf jecha sobanii, gowwoomsanii irraa waa guurratan akka qaallichaa Habashaamiti. Qaalloonni Oromoo bara sirna Gadaa ummata, uumamaafi biyyaaf waaqa kadhatu; galateeffatu, ummata eeybisu, looniifi madhaaniif rooba kadhatu, warra bira dhaqanii waaqa kadhachuuf isaaf muudaniif eebba keennu. Dalagaa kana fi kana fakkaataniin akka ummanni amantii Waaqatti amanuufi hordofu godhu; ummataafi Waaqa walqunnamsiisu.

Oromoonni karaa Qaalluu Waaqaan walqunnamuu malee, akkaataa biraas niqabu. Kuniis yeroo garagaraarratti ofiis waaqa kadhachuufi galateeyfachuudha. Bakki itti waaqa kadhatan, galateeffataniis galma ijaarame keessa, muka jala, gaararraa malkaa gubbaa,…dha. Kanneen utuu kana godhanii, yeroo yerotti dhaqanii Qaalluu muudu. Ayyaanni amantiis yerootti ayyaaneeffataman nijiru. Isaaniis warraa akka

Ateetee- Kan dubartootaati. Inniniis kan mucaa argachuuti.
Nabii – Kan abbootiiti.
Jaarri ayyaana nagayaa, tikfama namaa, looniifi qa’eeti.
Abdaarrii-ayyaana dachii midhaan baasisuuti
Qaallonniis sirna ayyaana amantii kanarratti ummata gorsu, jajjebeessu. Qaalluun eessaa baha? Gaaffiin jedhuu ka’uun nidandaya. Gosa keessaa Qaalluun bahuu dandayuufi hin dandeenye jiru. Inniniis waanuma hangafummaafi quxxusummaa hawaasa Oromoo keessa turerraa tahuun nimala. Qaalluun gosa beekamaa keessaa baha. Achi keessaa bahee gosoota hafniifiis Qaalluu tahu. Hundaaniis muudama. Qaalluun gosa beekamaa keessaa haa bahu malee, tokko qofa taha jechuumiti. Maadhee hawaasa olii sana keessaa dabalanii jiraachuu dandayu. Garuu isaan keessaa tokkootu hundarra kabajaa qabaata. Isaanutuus yeroo ayyaanaa muudatti muudamaas. Fakkeenyaaf Boorana keessatti Qaalloota (laduu) shana jiran kan Maxxaarrii sadaniifi kan Karrayyuu tokkoofi kan Odituu tokko keessaa hunda caala kabajaman Qaalluu Odituuti.

Qaalluun isa oliiti jechuudha. Booranaa alaas qaalluun kana muuduuf Oromoonni lafa fagoo deemanii dhaqu. Kanaaf, sadarkaa qabu; warri gad hafan isaa gaditti dalagu jechuudha. Qaalluun abbaadhaa ilmatti dabree dhaalama deema. Namchi mataan amantii Qaalluu hoggaa jedhamu, haati mana isaa ammoo, qaallitti jedhamti. Qaallitiiniis akkuma qaalluu kabajamtuudha. Ilma hangafaatu yeroo abbaan isaa du’u dhaalee qaaluu tahuuf carraa duraa qaba.

Sirna Gadaa keessatti muuda Qaaluu kan yeroo malee, ayyaanni guddaan muuda jedhamu jira. Inniniis jidduu Gadaa tokkootti yeroo (si’a) beekamaafi dhaabbata tokkotti yaha. Ayyaana kanarratti Oromoonni dhaqanii galma isaatti qaalluu olii muudu. Sirna tahu keessatti yeroo kanatti eeyba Qaalluu fudhachuun beekamaadha. Namoonni lafa fagoorraa ka’anii dhaqan, ganda isaatti muudu, achitti qalanii nyaatu, nyaachisuusi.

Eegaa, walumaagalatti dalagaan Qaalluu inni tokko namaafi waaqa walqunnamsiisuu akka tahefi jireenyi hafuura Oromootaa maal akka fakkaatu ilaalleerra. Qooda Qaalluufi amantiin sirna Gadaa keessaas sirni kun sirna amantii tahuu fakkeessa. Dhugaan isaa garuu sirna amantiis, ofkeessaa qabaachuudha.

Qoodni Qaalluun qabu kan biraa aadaa Oromoo kan sirna Gadaa keessaa tiksuufi too’achuudha. Kanarratti bakka guddaa qaba. Akka aadaan sirna kanaa hin dabnefi seerriifi heerri sirnichaa hin banne qaceelcha. Ummata biratti karaa aadaafi amantii fudhatama guddaa guddaa waan qabuuf, yaada ummataa (public opinion) dhufata isaa jalaa waan qabuuf aadaa Oromoo tiksuufi daandii sirna Gadaarratti too’achuu dandaya. Waan haraamuu, caphana,… gatama namatti fiduu dandayanirraa ummata eegu dandaya.

Kanneenirratti dabalee qoodni guddaan Qaalluun qabu jireenya polotikaa sirna Gadaa too’achuufi qajeelchuudha. Murtii polotikaarratti fuulaan yoo qooda hin fudhannellee, waan yaada ummataa of harkaa qabaniif qajeelchuufi karooraratti qooda guddaa kennu. Filmaata qondaaloota Gaddfi marii biyyaarratti argamuudhaan gargaaru. Filmaata qondaaloota Gadaarratti yaada ummataa sassaabuudhaan irratti hundeeyfamanii ija filmaata godhamee adda baasanii labsu. Marii seeraafi heeraarratti argamanii akka seerriifi heerri Gadaa hin dabneef gorsuufi qajeechuudha. Qoondaaloota Gadaa aangoo qabatan sirnaan muudu, eeybisu. Kanaaf, amantiin sirna Gadaas karaa kanaafii kana fakkaataniin jireenya polotikaa ummata Oromoo qajeelchuurratti qooda guddaa qaba.

Eegaa xumuruudhaaf, geggeessaa amantii kan tahe Qaalluun jireenya hawaasa Oromoo sirna Gadaa keessatti qooda guddaa sadii qabaata. Isaaniis:-

qooda amantii – namafii waaqa walqunnamsiisuu
qooda aadaa- aadaa sirna Gadaa eeguuf, tiksuufi too’achuu
qooda polotikaa- filmaatarrattiifi marii biyyaa kan seeraafi heeraarratti too’achuufi qajeelchuudha.
Dhumarratti aadaan, polotikaafi amantiin walitti hidhatoo tahuun ifaadha.

Godaansa Oromoo Jaarraa 16ffaan duratti

Ummata akka waan hinsossoonee kana akka garaa, dhagaa ykn galaanaa godhanii fudhachuun hin tahu. Ummatni kamiyyuu ni sossoha, bakka takka gadhiisee bakka biraatti ni godaana. Seenaa ummatoota addunyaa keessatti godaansa heedduu argina. Sababootii godaansaa uuman akkuma biyya sanaafi haala yeroo sanaarratti hudeeyfama. Kanaaf sababootii godaansa uuman bal’aafi hedduudha. Haa tahuu malee, warri keessaa gurguddaa tahan nijiru:

haalli qilleensaa geeddaramuun balaa dhufee jalaa dheessuuf,

lakkooysi ummataa sanaa hedduu dabaluun dhiphina lafaa dhalatu keessaa bahuuf,

lola ummatoota olla jiddutti dhalaturraa kan ka’ee jalaa dheessuuf, kun ammoo lafa bal’ifachuuf tahu nidandaya. Seenaan godaansa Oromoo kan jaarraa 16ffaan duraa haala kana keessaa tokkorratti hundeeyfamuun nimala.

Madda ummata Oromoo yeroo ilaalletti Oromoon Baddaa Baaleefi gam tokkoon Sidaamoo keessa yeroo dheeraaf akka jiraataa ture mirkana’ee jira. Kana jechuun Oromoon hangaa jaarraa 16ffaa keessatti naannoo kana duwwatti murtaa’ee jiraataa ture jechuumiti. Godaansa haala akkasiitiin dhiheessinu warri barbaadan Qeesoota Amaaraati. Godaansi ummata kamiyyuu ballama qabatee jaarraa akkasiitiin godaana hinjedhu. Godaansi sossohiinsa ummata dhawaataan, suuta suutaan, yeroo dheerinaa keessa kan mul’atudha. Waan jaarraa tokko keessatti jalqabee dhumatuusiimiti.

Herbert S Luwis madda saba Oromoo argacuuf afaanoota Kushoota bahaa bakka 24tti qoode. Afaanoota isaanii karraa kan ka’e, durattii isaa kun lammii tokko turan jedhe. Yroo dheeraa keessa lakkooysii namaa babal’achurraa kan ka’e walirraa fagaatanii qubacuun, lammiin adda addaa dagaagan. Walbiraa godaanuun isaanii kun yoomifii akkamitti akka jalqabameef wanti beekamu hinjiru. Sababnii isaa garuu, waa asii olitti ka’erraa tokko tahuun nimala.

Lammiin affaariifi Saahoon dura godaanuu waan jalqaban fakkaata. Gara kaabaatti baay’ee fagaatanii kan qubatan, isaan kana. Lammiin kun lameen, yeroo dheeraaf waliin jiraataa turanii booda foxxqanii akka qubataniidha. Bara dhihoo dura akka waliin turan, afaan isaanii walitti seenuun ragaa nitaha. Lammiin Somaalee itti aanee sossohee waan gara bahaafi kibbaa qubate fakkaata. Ar’a Somaaleen Oromoorraa gara bahaafi kibbaa, Affaarirraa ammoo, gaara kibbaa qubattee jirti. Akka Herbert S. Luwis jedutti isaan kanatti aanee kan godaane Oromoodha. Affaar, Sahoo,Somaaleefi Oromoon hoggaa naannoo sanarraa sossohan Kuushootni bahaatti hafan ammoo, naannoo ha’a irra jiraatan keessa babal’atan malee hedduu hinsossoone.

Ormoon naannoo Mandayyoo, Dallofi Jamjam bara dheeraa jiraataa turanii dhawaata lafa naannoo isaaniitti siqaa, irra jiraataa dhufan. Yeroo isaan itti naannoo Baaleefii Saidaamoorraa sossohanii hamma Wallootti qubatan waan beekamuumiti. Garuu yeroo dheeraa keessa tahuun hinmamu. Eega Affaarootnifi Saahootni naannoo amma jiran keessa jiraachuu jalqabanii ykn, isaanumatti aananii godaananii qubacuun waan malu.

Akkaata godaansa Oromoo kan ofumaan deemaa ture kana, isa jaarraa 16ffaatti akeekuun hin tahu. Abbaa Baahireenuu yeroo akkaataa godaansa Oromoo barreeyse:

Booranni biyya isaarraa yeroo godaanu hundaan hindeemu, warri deemuu hin baebaanne nihafa. Kuniis waan mootii hinqabneef namni isaan ajaju hinjiru. Abbaan akka barbaade hojjata” jedhe. Bartels namchi jedhamu ammoo, akkaata godaansa Oromoorratti yeroo barreeyse: nama Oromoo tokko gaafatee deebii argate:

Yeroo tochoonu, ilmi hangafni bakka itti dhalateetti hafa. Ilmi quxxusuun dabranii lafa haaraya barbaadu. Ilmaa warra hangafaa naannotti hafan ammoo, firoota isaanii barbaaduu ka’anii godaanu” jedhee jira. Ragaa kana lamaanirraa kan hubachuu dandeenyu, Oromoon godaanee daangaa Keeniya kaasee hamma daangaa Tigreetti qubachuu kan dandahee, yeroo dheeraa keessa akka tureedha. Jaarraa 16ffaa keessa yeroo Baahireen barreeyse baayyinni ummata Oromoo meeqa taha? Akaa inni jedhutti utuu godaansi Oromoo yeroosunii jalqabee ilmaan quxxusuu duwwaan dabranii kan qubatan yoo tahee, lafa har’a Oromoon irra jiraatu firfirsanillee wal hingayan jechuudha. Kanaaf Oromoon jaarraa 16ffaa keessa godaanuu jalqabee utuu hintaane, jaarraa hedduun dura suuta suutaan, ilmi quxxisuun dabree qubachaa, lafa margaafi bishaan qabu barbaadaa godaane. Haalli jaarraa 16 ffaa keessatti mul’ate waan gara biraa waan taheef bakka isaatti laalla.

Duraani Oromoonni lammi tokko tahee osoo jiraatanii gosa Booranafi Bareentummati adda bahan. Bareentumafi Booranni osoo naannoo Baaleefi Sidaamoorraa gara bahaa jiraatanii lakkooysi namaafi horiin saanii baay’achuun gargar fagaatanii qubachuu jalqaban. Ilmaan Bareenummaas akka walitti heddommaachaa deemaniin adda adda bahanii qubachuu jalqaban. Ituufii Humbanni Mormorirraa ka’anii gara bahaatti sossohanii osoo adda hin bahin naannoo Odaa Bultum qubatan. Odaan Bultum kaarra Qurquraarraa gara kibbaatti hamma km 3 fagaatee argama. Ituufi Humbanni osoo adda hinbahin bakka Odaa Bultum kana

Akkaataa bultuma Oromoon Gaddaan duratti.

Sirna Gadaan duratti akkaataa bultuma Oromoo akkam akka ture wanti beekamu hinjiru. Qesoota Amaaraa tahee, seenaa barreeysitoonni gara biraa waa’ee Orommoo kan barreeyssuu jalqaban jaarraa 16ffaa booda ture. Kanaf sanaan dura seenaan Oromoo ture himamsa aadaarraa, yoo argame malee wanti galmaa’e kan jiru hinfakkaatu. Haa tahuu malee, himamsa afaaniitfi akkaataa dagaagina hawaasaarraa kan hubachuu dandeenyu nijira.

Akkaataan dagaagina hawaasaa dhala namaa kamiyyuu sirna keeessa dabru niqaba. Haalli hawaasni Oromoo bara Gadaa duraafi booddee keessa ture calaqqiinsa akkaataa bulmaata isaa ka duraanii nuuf ibsuu ni dandaya. Akkuma ummata kamiyyuu hawaasni Oromooo gamtooma Doofaa durii keessa turuun isaa waan hin’ooleedha. Kuniis akkaata qabeenya dhuufaa turerraa calaqqisa. Ormoon waan tikfattee tureef qabeenya dhuunfaa loon yoo tahe malee, lafti qabeenya gamtaa ture. Kanaa wajjiin kan ilaalamu haala walbulchiinsa isa jidduu tureedha. Hamma hawaasaatti Oromoon guddatee sadarkaa gosa gahetti manguddoo walbulchuun saa hin’oolle. Kabajaa manguddoon hawaasa Oromoo keessatti qabu har’allee aadaa Oromoo keessatti ni calaqqisa. Hamma Gadaan dhufee bakka qabtetti, manguddootaan buluun kun sadarkaa sadarkaan guddataa dhufuun hinhafne.

Haalli kun akkamitti ture? Akkamitti hojjachuu dandaye? Wanti kana calaqqisu boodana dabree maali? Hawaasa Oromoo keessatti aadaan jalqabarraa ka’ee gad dhaabbate hariiroo hangafaafi quxxusuuti. Hariiroon kun dura sadarkaa maatii keessatti gad dhaabbate. Ilmi hangafni kabajamuu qaba. Warri quxxusuu isa hordofu. Waan inni jedhe dhagayu. Hariiroon kun maati duwwaa keessatti hin hafu. Akkuma hawaasni sun dagaaguun hangafaafi quxxusuun ibidda, manaafi gosa keessattiis hojiirra oola. Ibiddi hangafaafi quxxusutti adda bahee walkabjuuniifi waliif abboomamuun buluun dhalate. Hariiroon ku yeroo dheeraaf hawaasa Oromoo keessatti hojjate.

Goso tokko keessa karra hagafaafi quxxusuu nijiraatu. Maanguddootni karra hangafaa keessa jiran biyya (gosa) bulchuurratti qceelfama kennu. Karri quxxusuu tahan warra hanagafa kana jalatti gurmaawu. Sadarkaa gossaattiis hariiroon kun ittifufa.

Gositi hangafni yeroo warra kaan qaceechu, geggeessu warri quxxusuun isaan jalati walitti qabamu. Gosootni kun akkasitt walitti dhufanii tokkooma gosaa (tribal confederacies) tolfatan. Tokkoomni gosaa kun ammoo, walkeessatti hangafaafi quxxusuu qabu. Hawaasa Oromoo keessatti akkaataan hangafaafi quxxusutti qoodamuun kun qoodama karra cimdii” ( bi social differentiation) jedhama. Sirni bulmaataa karra lamatti qoodamuun bu’ureeyfamu ammoo, sirna qoodama karra cimdii taha. Hamma Gadaan dagaagutti akkaataan bulmaata Oromoo sirna kanaan ture.

Sirna kana keessatti manguddoonni qooda lammii guddaa qabu. Manguddoota lammii keessaa ammoo, kan warra hangafaa hunda dursu. Waldhabbii gosoota giddutti ka’u manguddoota kanaatu ilaala. Gosoota Oromoo keessaa Booranni hangafa. Kanaaf waldhabbiin gosa bareentumaa, fakkeenyaaf Arsiifi Macca giddutti yoo ka’e, manguddoota Booranaatu ilaala. Haalli kun gosa, karra hundumaa keessatti akkasitti hojjata. Ummata ollaa wajjiin waldhabbiin yoo argamees, gumaabaasuufiis tahee, falmu, lola waan ilaaluufi dantaa lammii saanaa guutummatti manguddootaan ilaalamee murtii godhata.

Sirni manguddootaan qaceelu amaluma hawaasa doofaa taheellee kan Oromoon dhaabbate jabaa tahuun isaa, hangafaafi quxxusuun qaceeluu isaati. Sirna isa booddee Oromoon tolfatee ittiin walbulcheef bu’ura kan qabuudha. Sirna Gadaa keessatti hawaasni Oromoo gartuu lamatti qoodamee ijaarame. Gartuuleen kun aadaadhaan hangafaafi quxxusutti beekamu. Garuu waltoo’achuufi walgituurratti walqixa. Fakkeenyaaf qoodamni akkasii Boorana keessati Sabboofi Goona, Maccaa keessatti Booranaafi Gabaro, Ituu keessatti Kuraafi Galaan, Humabnna keessatti Qal’oofi Anniyya jedhamanii beekamu. Haaluma qoodama gosa keessa duraan tureetu Sirna Gadaa keessattiis ga-dhaabbate jechuudha. Kanaaf Oromoon osoo sirna Gadaatiin as hin bahin, sirna qoodama karra cimdii kanaan walbulchaa ture jechuun nidandeenya.

Meelba:- bara 1522-1530

Gadaan duraa Melba jedhama jedhu. Bara Gadaa Melbaa kana Oromoon abbaa duulaa itti ijaaree yeroo duraatiif gurmuun duulutti bobbaase. Baalli weeraruu jalqaban. Namichaa Amaara Faasil jedhamuu wajji wal lolanii inniis duularratti du’e. Duula Oromoo isa jalqabaa kanaan amaarri “dawwee” jedhan. Afaan Amaaraatti dawwee jechun, dhukkuba lamxii jechuudha

Muudana:- bara 1531-1538

Mebatti aane kan Gadaa fudhate Muudana jedham. Bara Muudana kana seera jajjabaa lama tumatan. Lubni hundi duula akka duuluufi laf haaraya baasan malee, meendhicha akka hin hidhanne kan jedhu ture. Baalli kan Melba weeraruu jalqabe Muudannii dhufatee hamma qarqara laga Awaashitti irra qubatan. Barri Gadaa Muudanaa kun bara Islaamoonni Imaam Ahmadiin geggeefamanii Kiristaanootaan lolaa turani. Lola diinootni isaa lamaan wal lolaa jiran kan Oromoon faana bu’aa ture. daareel Baates namichi jedhamu kana hogga ibsu:

“lolli Kiristaanoota Habashafi Islaamoota ture, Poortugaal gargaartee Imaam Ahmed mohamullee hin dhaabbanne. Waggootii dheeraaf dabree dabree deemsifamaa ture, gaallaa (Oromoo) haala kana duukaa bu’anii too’ataa turan. Gartuun lamanuu waan miidhameef lafa isaanii deebifachuuf ….yeroo itti eeggachaa turan”jedha. Lolli amantii yeroof akkasiit qabbanaawullee Oromoon lola isaa itti fufe. Muudanni Gadaa isaa fixee Kiiloleetti dabarse.

Kiilolee:- bara 1539-1546

Kiiloleen duula bal’isee DAWAAROO rukutuu jalqabe. Yeroo gabaaba keessati handhuura Dawaaroo gahe. Galaawudoos mooti Habashaa waana isaa kan nama Adaal Mabraq jedhamuun hoogganamu Dawarrootti bara 1545tti erge. Waraanni Adaal Mabraq harka Oromootti baqe, inniniis lbaqatee laga Awaash cehe.Dawaaroo kan jedhamu Arsii har’aatt akeekuun ni dandayama. Galaawudoos Islaamoota mohuu dandahullee Oromoobiyya isaaf lolu mohuu hindandeenye. Kiiloleen Gadaa isaa fixee Biifoleetti dabarse.
Biifolee:- bara 1547-1554

Galaawudoos Adaal Mabraq moohamuu dhagayee humna isaa waliti gurmeessee, waraana warra Poortugaaal fogargaarsisee Oromootti bara 1548tti duule. Humna guddaan itti haa duulu malee, Galaawudoos Oromoo mohuu dadhabee, dahannoo jabaa qotatee Dawaaroo keessa qubate. Oromoonni achitti iti marsanii lolan. Lolli sun guyyaa kudhalama deeme. Oromoonni gootummaan lolanii gaafa 12ffaa waraana Habashaa dahannoo isaa keessatti itti seenaanii hedduu irraa fixan. Ajajaan waraana Poortugaal Ayrees Deez jedhamu madaawee boodarratti du’e. Waraanni Habashaa moohame. Biifoleen duulaa isaa itti fufef Awaash cehee Faxagar waraanuu jalqabe. Hatahuu malee, Biifoleen akka Luboota isa duraa lafa haaraya qabachuudhaan hinmilkooyne. Habashoonni dhiibbaan Oromoo gara qa’ee isaaniitti dhihaataa waan deemeef jabaatanii dura dhaabbatan. Galaawudoos humna Habasha gurmeesse ofirraa ittise. Gama lachuu namni dhube baay’ee guddaa ture. biifoleen Gadaa isaa raaw’atee Michilleetti dabarse.

Michille:- bara 1555-1562

Michilleen Gadaa isaa kana keessatti namni diina hinajjeefne akka hin fuune, akka rifeensa mataa hinhaaddanne seera baase. Akka jedhamuttiis bara Gadaa Michillee kana Oromoon fardaan loluu jalqabe. Kanaaf lafa fagoo deemee lola gochuu jalqabe. Bara Michillee kana Galaawudoos waraana isaa Faxagar keessa jiru namicha Hamalmaal jedhamuti kennee bataskaana Imaam gube ijaarutti deebi’ee ture. bara 1555tti Michilleen Hamlmaaliin bakka Dagoo jedhamutti waraanee moohe. Hamalmaal moohamuun Faxagariin guutumatti harka Oromootti deebise. Faxagar Enriif Karrayyuu har’aani taha. Michilleen Faxagar irra dhaabbatee Cafaat, Bazimoofi Daamoot salphatti rukutuu jalqabe. Gibeen qabachuuniis yeroo kana jalqabe. Bara Michillee injifannoo guddaan argame garuu, Islaamootarratti ture. islaamoonni eega Imaam Ahmed boodde weerara guddaa kiristaanatti bobbaasuu hindandeenye. Hatahuu malee, geggeessaan Islaama Harar Amiir Nuur jedhamu humna walitti qabatee bara 1559tti Habashatti duulee ture. amiir Nuur Galaawudoosiin lolee moohe. Galaawudoos lola sanirratti du’e. Amiir Nuur osoo inni injifannoo argatetti gammadee ayyaaneeffachaa jiruu Oromoonni magaalaa Harar seenanii barbadeessan. Oduu kana dhagahee osoo inni gara Harar deebu’utti jiruu Michillee bakka Tulluu Hazaaloo jedhamtutti haxxee hidhee rukute. Lola taherratti Oromoonni haa dhuman malee, Amiir Nuur ni moohame. Waraanni saa harka loltuu Oromoorratti akka dhadhaa baqee dhume. Lubbuun kan keessa bahan xiqqaa ture. lolli Tulluu Hazaaloo biratti tahe kun, yeroo dheeraaf Kiristaanaafii Islaama gidduutti lola deemaa ture addaan kute. Humni Oromoo jabaachuun warra wal lolaa turan gidduutti nagaya buuse.

Michillee booddee duulli Oromoo karaa lamaarraa tahuu jalqabe. Isaaniis:- Oromoota Walloofi Maccaafi Tuulama. Wallo keessati kan Gadaa fudhate Harmuffaa jedhama. Kan Tuulama ammoo, Hambisaa jedhama. Lachuu saanii bara 1563-70tti Gadaarra turan. Hambisaan duula gurguddaa Shawaa keessatti haa godhu malee, Amaara dhiibuu hin dandeenye. Mootiin Habashaa Minaas akka jabatti Hambisaafi Harmuffaa dura dhaabbate. Osoo isaaniin loluu du’e. Malaak Saggad ykn Sarta Dingil kan jedhamu itti dabree aangoo Habashaa qabatee lola ittifufe. Hambisaaniis lafaa haaraya osoo hinqabatin Minas wajjiin lola gurguddaa osoo godhuu Gadaan isaa dhumeeRoobaleetti dabarse. Harmuf Awaash cehee Affaarootafi Habashootatti duuluu jalqabe. Gi’orgis Haaylee kan jedhamu bakka qacinaafi Wayaata jedhamutti lolee Moo’e. Affaarootaas lolee naannoo Angootttifi Ganyi jedhamtu qabatee taa’e. Bakka kanarraa Amaara Saaynitiifi Bagamidritti duuluu jalqabe. Harmuuf bara Gadaa isaa Affaaroota, Argoboota, Doobotafi Amaaroota Ganyiifi Angoot keessa turan waraanee ofjala galchee gosa moggaase. Harmuuf Affaaroota humna isaanii cabsee baay’ee xiqqeese. Harmuuf Gadaan isaa dhumee Robaleen harka fudhate.

Robaleen:- bara 1571-1578

Malaak Saggad Roobalee Shawaa keessatti dabarsuu dhoorke. Ofiis garuu Roobalee dhiibuu hindandeenye. Shawaa keessatti haala akkanaan jiru Roobaleen Walloo Bagamidir seenee lola jalqabe. Yeroo kana Malaak Saggad saffisaan gara Bagaamidir deebi’ee Roobalee bakka wayinaa Dagaa jedhamutti lolee Roobaleen moohame wallotti deebi’e. Roobaleen hoggaa Malaak Saggfad gara Bagaamidir deeme, duula Shawaa keessatti jabeessee Amaaroota gara hallayyafi olqatti naqee biyya qabate. Malaak Saggad deebi’ee Roobalee dhiibuu hindandeenye. Gadaan isaanii dhumee lamaanuu Birmajiif bakka gaddhiisan.

Birmajii:- bara 1579-1586

Bara Gadaa Birmajii Oromootni Amaara hedduu muddanii qaban. Birmajiin Wallo Bagamidir seenanii Amaaroota hedduu fixan. Aantoot Malaak Saggad lolarratti dhuman. Amaara Bagamidir akka malee hollachiisee. Birmajiin Tuulamaafi Macaa lafa fardi isaa dhaquu dandayu mara deemee qabate. Amaarri gara hallayyaafi holqatti galtee dhokatte. Osoo gaarri, hoqiifi hallayyaan hinjiru tahee, namni hafu hinjiru jedhaa ture barreeysaan Habashaa Alaqaa Atsimeen. Malaa Saggad oliifi gad fiigutti yeroo isaa fixe. Birmajiin Shawaa laga Jamayii cehee Waqaa qabatee Amaara lafa Oromoo keessa qubatte Habashaarraa kute. Achirraa Gojjaamiifi Daamoot waraanuu jalqabe. Malaak Saggad nama Daragoot jedhamu akka Gojjaamiin ittisuuf itti erge. Birmajiin lola Daaragootirratti du’e. Haa tahu malee Birmajiin gara dhuma Gadaa isaati jala Gojjaam keessatti moohame. Biramjiin bakka lachuutti Gadaa gad dhiisanii Mul’atatti dabarsan.

Mul’ata:- bara 1587-1594

Bara Gadaa Mul’ataa kana Walloon hedduu hinduulle. Yeroo lama duwwaa Godaritti duulee saamee Wallotti deebi’e. Qubatee waan taa’e fakkaata. Mula’ati, Maccaafi Tuulama duula isaa itti fufe. Bifa lolaa geeddaree Amaara karaarratti gaadanii ajjeesuu jalqaban. Gaara gidduufi saaqaa dhiphoo ta’an jiddutti eegee Amaara murachuu jalqabe. Kanaaf Amaarri bara sana lafa sodaatu bira hoggaa gahewalitti lallaba, walwaama dabra ture jedhama. Bakka fardasaaf mijjaa’u Gondariifi Gojjaam keessa gulufee basha’e. Boodaas achi quabatee taa’e. Amaarri araarfachuu jalqabdee, suuta suutaan walmakuu jalqaban. Haa tahu malee, lolli isaan jiddu hindhaabbanne: isaan keessa warri gurguddaan:

Jaarraa 17ffaa jalqabarratti (1605-1617) bara mooti Habashaa Suusiniyoos Oromoon Bagamidrifi Gojjaamitti duulaa ture, garuu ofirraa ittisan.

1620 Oromootni Walloo Bagamidriti duulan.

Qaabsis Paaris (Paris chronicle) jedhamu lolli gurguddaan baroota 1639, 1643, 1649, 1652fi 1658tti akka tahan galmeessee jira.

1661 Oromoonni Walloo Warra HimannooGondaritti duulanii Faasilaa Dasiin lolan.

1683-1688 Oromoon Guduruu Habashaa lolee moohe.

1709 bara Tewoofiloos mooti Habashaa ture Oromoon Amaaratti duulee ture.

Jaarraa 18ffaa kaasee lolli xixiqqaan Amaaraafii Oromoo jiddutti deemaature. Amaaroonni Oromoo ofitti qabuu (firoomfatuu)jalqaban. Waldhabbii isaan jidduu jirurratti akka Oromoon isaan gargaaru hawwachaaturan. Yeroon itti Oromoon waardiyaa mooti Habashaa tahee qa’ee(gibbii) isaaniitti galees niture. Habashoonni walii isaai fonqolchuufi aangoorraa turuufiis Waraana Oromootti yeroon dhimma ba’aa turan niture.

Duula Oromoo kana booddee haala akkamiitu Gaafa Afrikaa keessatti dhalate? Humni Oromoo jechuuniis maal uume? Hamma Oromoon Gadaan of hinjaaranitti miidhaa gurguddaan irrgahaa akka ture beekamaadha. Yeroo sanaas Kiristaanootnifi Islaamootni duula wailrraa hincinne walirratti oofaa turan. Gaafni Afrikaa bakka lolaa turte jechuun nidandayama. Oromoon Gadaan ijaaramee as bahuun, madaala humna Gaafa Afrikaa keessatti jijjiire. I) lola Kiristaanaafi Islaama jidduu nidhaabe. 2) hawwii babal’achuu Habashaan qabu dhaabee walitti isii suntuurse. 3) Oromoo kabajamaafi sodaatamaa taasise. 3) Mootummaa Islaama Harar dhawee walitti bute. 5) daangaarratti waldhiibuufi lola xixiqqaa tahan malee, nagaya gara jaarraa lamaaf Gaafa Afrikaatti buuse.

Madaalli humnaa kan yeroo dheeraaf ture, kan jijjiiramuu jalqabe walakkaa jaarraa 19ffaa booda eega meeshaan lolaa haarayni harka Habashoota seene ture. Yeroo kanarraa kaaseeti kn Oromoon caphee kolonii Habashaa tahuu kan jalqabe. maddii: marsaa alaabaa

Seenaan haayyoota Oromootin barreefammee kunoo as isiinif jira. Dubbisaati baradhaa. yoo barruu seenaa biraa qabaattan tessoo exellent823@yahoo.com irratti nuf ergaa.

Galatoomaa!

Seenaa baruu akkamitti dandenyaa?

Maanguddoowwan kenyarraa
haayyoota irraa
Intarneetii irraa
Barruu fi kittaaban adda addaatirraa
sabqunnamti adda addaa kanneen walaba ta’an irraa: fkn, SBO, VOA fi kan biroo.
seenaa bal’inaan

Seenaa saba Oromoo

Kitaaba (seenaa saba Oromoo fi Sirna Gadaa/Birraa/Fulbaana/1995)

(Toleeraa Tasammaa fi Hundasaa Waaqwayyaa)

Seenaan qorannoo ykn barnoota akka ummanni tokko itti jiraataa tureedha. Seenaan saba tokko yeroo jennu qorannoo ykn barnoota waa’ee shanyii saba saba saniiti jechuudha. Seenaan sabni tokko akkamitti jiraataa ture? Haala akkam keessa dabre? Ogummaa akkam qaba ture? Aadaan isaa maal fakkaata? Kan jedhaniifi gara biraas kaasee deebii itti barbaada. Gabaatti, seenaan qorannoo ykn barnoota haala shanyyiin (sanyyiin) ummata biyya tokkoo karaa dina’gdeefi hawaasummaa keessa dabreedha.

Ummanni tokko haala jireenya isaa hubachuuf abbootiin abbootii isaa ykn shanyyiin isaa haala keessa dabran qorachuu barbaachisa. Haalli ykn akkaataan jireenyi shanyii ofii keessa dabre jireenya har’aa irratti calaqqiinsa ni qabaata. Isa ha’aa hubachuuf isa dabre qorachuun barbaachisaadha. Kaleessi yoo hin jiraanne har’i hinjiraatu. Waan shanyyiin keenya keessa dabree as gahe qorannee baruun kan har’aa ijaarachuuf baay’ee barbaachisa. Kaleessi har’a, har’i boru maddisiisa. Kan dabre yoo hinhubatin kan har’aa hubachuun, kan har’aa yoo hinhubatin kan boruu qiyaasuun hinkajeelamu.

Namni seenaa abbootii isaa, kan shanyii isaa hinbeekne jaamaadha. Bishaan gabatee irra jiru, kan gara barbaadanitti oofamuun wajjiin walfakkaata. Namni seenaa irraa hinbare, badii seenaa deebisee dalaguuf dirqama. Namni seenaa shanyii isaa hinbeekne, maqaa, aadaafi sabummaa isaa gatee kan alagaa fudhachuuf tattaafata. Ummanni Oromoo seenaa boonsaa, biyya badhaatuufi aadaa dagaagaa qaba. Ilmaan Oromoo hedduun garuu, kan waan hinbeeyneef alagatti ofharkisuu kan barbaadan nijiran. Seenaa saba ofii baruun eenyummaa ofii nama barsiisa. Firaaf diina adda baafachuuf nama gargaara. Walumaa galatti, seenaa saba ofii beekuun sab-boonummaa dagaagsa.

Seenaa saba keenyaa kan boru itti boonnu duwwaafi miti. Tahuus hin qabu. Mataa ofii dabree beekuufi yaadachuuf barra. Barree ammoo dabarsinee barsiifna. Kanaaf ilmaan Oromoo hundi seenaa Oromoo baranii dabarsanii barsiisuun dirqama taha. Seenaa dabrerraa kan barree yaadachuuf, jireenya keenya har’aa hubachuuf nu gargaara. Madda rakkoo keenya har’aa baruuf, seenaa abbotiin teenya dabarsan beeku qabna. Rakkina har’aa furuuf mala lafa kaayyachuuf seenaa dabre beekuun hedduu barbaachisaadha. Rakkinaafi guddina sabni keenya keessa dabree as gsahe yoo beekne kan boruu yaaduu dandeenya. Daandii qabsoon keenya fudhachuu qabu tolchuufi tolchinees sirritti ta’uu isa kan itti ilaallu calaqqee seena Oromoo keessatti taha. Seenaa dabre kan fagoofi dhihoo, yaadaafi ilaalcha keenya irratti ifaan ykn osoo hin mul’anne dhiibbaa niqabbata. Seenaa keenya ka barruuf, ofii hubannee akka sirritti galmeessinee dhaloota boruutiif dabarsuudhaafi. Waanti nuti har’a hojjannu , boru seenaa taha. Kanaaf Oramoo kan tahe hundi seenaa shanyyii isaa baree dabarsee barsiisuun haalaan barbaachisaadha.

Barbaachisummaa seenaa baruu erga hubatamee, gaaffi ka’antu jira. Seenaan Oromoo barreeyfamee jiraa? Eenyufaatu barreeyse? Yoo hin barreeyfamne tahe akkamiti barreeysuun dandayama? Gaaffiileen kan fakkaatan hedduun ka’uu mala. Osoo deebii gaaffiilee kanaa kennuu hinyaalin dura madda seenaa waan athan keessaa lama qofa yoo ka’aan gaarii taha.

Maddi seenaa ummata tokkoo inni duraafi guddaan seenaa afaanii(oral history) fi aadaadha. Hamma sadarkaan dagaagina hawaasummaa tokkoo barreeysaan waa galmeessuun hinjalqabaminitti, seenaa dhalootarraa dhalootatti himamsa afaaniitiin dabraa dhufa. Abbaan ijollee isaatti “dur shanyiin keenya akkasiti bulaa ture, bara akkasii rakkina akkasiitu tur, dur jireenyi akkas ture” jedhee yeroo itti odeessu, seenaa dabarsaa jira jechuudha. Sabootni hedduun har’allee afaan isaaniitiin barreeysuu hinjalqabne nijiran. Seenaan saboota akkasii barreeyfamuuf maddi guddaan seenaa afaaniifi aadaa isaaniiti taha.

Seenaa tokko qorachuuf ykn barreeysuuf maddi lammaffaan waan galmeeyfameedha. Beektoonnif qorottoonni haala jiruufi jireenya, aadaafi afaan ummata tokkoo yeroo galmeessan seenaa dabarsaa jiru. Waan beektoonni ykn qorottoonni barruudhaan har’a lafa kaayan, boru kaan itti dhufee barata ykn irra dhaabatee xiinxala. Seenaan ummata tokkoo nama isaa keessa dhalateen barreeyfame irra wayyinni hinhafu. Inninuu, yoo namni sun dhiibbaa adda addaarraa qulqulluu tahe malee, mudaa qabaachuu nidandaya. Keessattu yeroo seenaa uummata gara biraa barreeysan jibba, jaalalalfi dhiibbaa adda addaarraa qulqulluu yoo hintaane badii guddaan dalagamuu nimala.

Seenaa tokko qorachuufi baruuf madda waan tahan keessaa guddaa lama kaafnee jirra. Eegaa, seenaan ummata Oromoo barreeyfamee jiraayi? Ykn ummanni Oromoo seenaa qabaayi? Gaaffiilee jedhan laaluu ni dandeenya.diinootni ummata Oromoo, ‘Oromoon seena hinqabu’ jedhu. Ummanni seenaa hinqabne hinjiru. Namni tokko hoo seenaa mataa isaatti,seenaa jireenyaa niqaba. Seenaan ummata sanaa barreeyafamee jiraachuufi dhiisuun waan gara biraati. Diinootni Oromoo seenaa hoggaa jedhan waan galmeeyfame qofa ifdura qabu. Seenaan ummataa hedduun barreeyfamuu kan dandaye erga beekkumsi barreeysuu argame booda ture. Har’allee afaanotni tokko tokko barreeysaa hin qaban, seenaan saboota akkasii karaa lamaan qoratama.

seenaa afaanii
waan alagaan, waa’ee ummata sanaa barreeyse irraa taha.
Ummanni Oromoo afaan isaan kan barreeyssuu jalqabe bara dhihoo keessa. Kanaaf ilma Oromoo tokkoon seenaan isaa galmeeyfamee jira jechuu hindandeenyu. Bara dhihoo as garuu, ilmaan Oromoo tokko tokko seenaa saba isaanii barreeysuuf tattaafataa jiru. Haathu malee seenaan Oromoo himamsa afaaniifi aadaatiin dhalootarraa dhalootatti daddabraa har’a as gahe jira. Seenaa saba keenyaa qorannee galmeessuuf, seenaan afaaniifi aadaa madda guddaadha. Haa tahu malee, himamsi afaanii lakkuma bubbuluun jijjiiiramaa hiikkaafi ilaalcha adda addaa fudhachaa akka deemu irraanfachuun namarra hinjiru. Har’a seenaa keenya qorachuuf himamsa afaaniitti daballee maddi gara biraa kan seenaa afaan keenyaa (oromiffaa) tiifi antiropolojii taha.

Antiroppolojiin saayinsii qorannoo waa’ee dhala namaa, aadaa, hoodaafi amantii, akkaataa jireenya isaa irratti godhamuudha. Kanaaf seenaa afaanii kan dhalootarraa dhalootatti daddabraa dhufeefi, qormaata afaniifi antiroppolojii irratti godhamu walqabachiifnaan seenaan dhugaa barreeyfamuu nidandaya.

Seenaa Oromoorratti qormaanni godhamuu qaba hoggaa jennu, seenaan Oromoo akka waan tasa hinbarreeyfamneetti fudhachuu hinqabnu. Oromoonni seenaa ummata isaanii barreeysuu kan jalqaban dhihoo kanatti haatahuu malee, namoonni alagaa hedduun seenaa Ummata Oromoo barreeysanii jiran. Har’aas kan qormaata godhaa jiran hedduudha. Anmoota alaagaa kan seenaa Oromoo barreeysan gosa sadihitti, qooduu nidandeenya.

Isaaniis: 1)qeessota Habshaa,2) waarra Orooppaa 3) Araboota. Isaan kana tokko tokkoon haalaallu.

handhuura godhatanii turan. Arsiin ammoo, naannoo sanarraa gara bahaatti sossohee Ituufi Humbannatti aanee qubate. Ilmaan Bareentoo keessaa gara kaabaatti fagaatee kan qubate Walloodha.

Ilmaan Booranaa ammoo, adda bahanii gosti Booranaa xiqqoo gara kibbaatti siqee qubate. Achirraa godaansa haga laga Xaanaa Keeniyaa keessatti deeme. Gujiin naannoo Jamjamirraa hedduu osoo hin fagaatin achumatti lafa bal’ifate. Booranni kaabaa (Maccaafi Tuulama) gara kaabaatti sosshan. Naannoo Shawaa har’aa eega gayanii booda Macc gara dhihaatti godaanee qubachuu jalqabe.

Godaansi Oromoo kun yeroo kam akka tahe beekuun nama dhibullee jaarraa 9ffaa ykn 10ffaa dura akka tahe beekamaadha. Naannoo jaarraa kanatti Oromootafi Habashoota jidduu (gidduu) wallolli akka ture barreeyfamee jira. Jaarraa kana keessa hoggaa Islaamummaan Shawaa seenuu jalqabe Oromoon akka achi turees waan hubatameedha. Ormoon yeroo lafa kanatti godaane, ummatni gara biraaa irra jiraachuuf dhiisuu irraa wanti beekamu hinjiru. Habarlaand akka jedhutti naannoo Shawaa har’aatti yeroo Oromoon godaane lafti duwwaa turuun nimala jedha. Namichi Poortugaal Franaaz jedhamubara 161tti yroo naannoo Gojjaamii ka’ee gara qarqara galaanaatti deemu argee akka barreeysetti ” Kibba laga Abbayya keessaa Oromoonni nijiru. Isaaniifi Innaariyaa gidduu garuu, lafti duwwaadha” jedhee ture. Kanaaf lafti Oromoon itti godaanerraa guddaan duwwaa lafa daggala qabu akka ture hubatamaadha.

Seenaa Barreeysitoota Habashaa

Seenaa Oromoo inni jalqabaafi qabatamaan qeesii Amaaraa, abbaa Baahiree jedhmuun bara 1593tti barreeyffame. Barreeyfama Baahireen duratti wanti qabatamaan barreeyffame waan jiru hinfakkaatu. Abbaa Bahireen Amaara waan taheef seenaa Oromoo tan inni barreeyse mudaa gurguddaa qaba. Bara inni barreeysaa ture (jaarraa 16ffaa) keesssa Oromoon duula lafa isaa falmachuurra waan tureef hijaa(haloo) Oromoo bahuuf poolisii (imaammata) hordafamuu qabu lafa kayuuf barreeyse.

Mootoota habasha yeroo sana turan gorsuuf barreeyse. Akeekni Baahiree jabinni Oromoo eessaa akka maddufi dadhabiinsi Habashaa maala akka tahee xiinxaluu ture. Seenaa Oromoo ija diinummaatiin laalee barreeyse. Bahireen seenaa kitaaba isaa “ye Gaallaa Taarik” jedhu yeroo barreeyse akkas jedha. “seenaa Gaallaa barreeysuu kaniin jalqabeef, lakkooysa gosa isaanii, nama ajjeesuuf qophii tahuu isaaniifi amala saanii kan gara lafina hinqabne beeksisuufi. Seenaa ummata gadhee kanaa maalif barreeysite, osoo kan ummata gaariidhaa jiruu jedhee yoo namni nagaafate, “kitaaba keessa laali, seenaan Mohammadiifi mootoota Islaamaatu barreeyfamaa jiraamiti?..jedhee jalqabe.

Baahireen ilaalcha ummata Oromoof qabu seenaa kitaaba isaa keessatti xumure. Jibbiinsaafi diinummaa Oromoorraa akka ifatti mul’ata. Haala kanaan yeroo barreeyse Baahireen dogoggora gurguddaa keessa seene. Seenaa Oromoo dabsee waan barreeysseef, seena barreeysitoota isa booddee barreeysaniis karaarra dabsee jira. Daba inni hojjate kana booqannaa itti aanu keessatti laalla. Seenaa Oromoo guutumaatti, akka mata dureetti fudhatanii akka baahireetti hin barreeysin malee, qeesoota qabsiisa mootoota habashaa barreeysan, qabsiisa isaanii keessatti waa’ee Oromoo kaasanii jiru. Haa tahu malee, ija diinummaatiin waan qabsiisaniif seenaa Oromoo hedduu dabsan. Qeesiin Atsime gi’orgs jedhamu seenaa Oromoo akka baay’ee nama dinqutti barreeyse. Namummaa oromoo haga haalutti gahee “ilmaan sheeyxaanaa” jedhee barreeyse. Alqaa Taayyee kan jedhamu ammoo, “innas tawuqaallan Gallaa indeet ka baahir indewaxaa” jedhee haala baayyee fokkisaan barreeyse. Yeroo qeessotni kun waa’ee Oromoo barreeysaa turan, yeroo Oromoon itti jabaa ture. Jabinaafi laafina Oromoo baranii akkaataa itti dura dhaabbatan qiyaafachuuf ture. Eega Oromoo cabasanii koloneeffaatan boodaas, seenaa Oromoo barreeysuu nidhaaban. Warri Orooppaas akka hinbarreeysine dhiibbaa irratti godhuu jalqaban. Walumaa galatti waan qeesootni kijibduun Habashaa dabsanii barreeysan sana, seenaa dhugaa kan qormaataan bira gahame barreeysuudhaan kijibdoota Habashaa faalleessuun haalaan barbaachisaadha.

Seena barreeysitoota Awrooppaa:

Namoonni biyya Orooppaa sababafi yeroo adda addaatti naannoo Kaaba Baha Afrikaa dhufanii seenaa barreeysan nijiru. Isaan kun heeddu waan tahaniif gosa gurguddaa lamatti qoodnee ilaluu dandeenya.

waarra amantii babal’isuutiin biyya Orooppaarraa dura biyya Habashaa kan dhufan warra Poortugaal turan. Isaan kun jalqabaa jaarraa 17ffaarraa kaasanii Habashaa seenuudhaan dame amantii kristiyaanaa -Kaatolikii babal’isuuf tattaafachha turan. Habashootaaf jaalalaafi maraarfannoo gudda qabu turan. Habashoonni tuqamuufi miidhamuu hinjaalatan turan. Habashoota gara amantii isaaniitti hawwachuuf tattaafataa waan turannif, waan mootoota Habashaa dallansiisu hin barreeysine. Seenaa Oromoo yeroo barreeysaniis akkuma Habashootaatti barreeysan. Namichi Poortugal-Manu’eel de Almeedaa jedhamu, yeroo seenaa Oromoo baarreeyse, Baahireerraa fudhatee ijaa jibbiinsaan barreeyse. Kanaaf waan isaan barreeysan hoggaa xiinxalmuufi kan warra kaanii wajjiin ennaa walbira qabamu seenaa Oromoo barreeysuun nidandayama. Tahaas jira.
Biyya Daawwatootafi Qorottota:
Biyya daawwatoonni haala, akeekaafi yeroo adda addaatti dhufan, biyya daawwataa fakkaatanii dhufuudhaan kan mootuummaa isaaniif basaasan nituran. Waarri kaan immoo qormaata ji’ograafii ykn saayinsii gochuuf warri dhufaniis turan. Bifa adda addaan haa dhufan malee isaan kun waan argan, ummata, aadaaa, afaaniifi akkaata jireenyaa biyya sanaa barreeysanii jiru. Namoota alagaa waan tahaniif waan ijaan arkan malee, ofii isaaniitiin ummata haaseessuudhaan kallattiin waa baruu hindadayan. Nama afaan isaanii hiiku barbaadu. Kanaaf hangi isaan seenaa barreeysuuf deeman heedduu xiqqaadha. Aadaafi maalummaa ummata sanaa baruudhaaf, yeroon isaan keessa turaniis waan xiqqaa tahuuf, hubannaan isaaniis akkasuma taha. Dhiibba malee waan hojjetaniif hanga dhaga’aniifi arkan qulqullutti barreeysuu saanii hin oolamu.

Namoonni Arooppaa seenaa Oromoo, Orommtarraa qoratanii barreeysaniis nijiru. Oromoonni gabrummatti gurguramanii boodaa namooni Arooppaa tokko tokko baitatanii bilisoomasaniis nijiru. Gabroota bilisooman kanrra seenaa Oromoo waari qoratanii barreeysaniis nituran. Haala kanaan bara 1830fi 1840 namoonni Arooppaa kan seenaa Oromoo barreeysuuf carraaqan nituran. Qorannoo seenaa keenyaa kan har’a godhamaa jiruuf, kun madda tokko tahee argama.

Jalqaba jaarraa 20ffaarraa kaasee seenaa qorattootni Arooppaa, seenaa Oromoo barreeysuuf yaalii guddaa godhaa turan. Keessattuu bara Haayle Sillaasee keessa carraaqiin isaan godhaa turan guddaa ture. Mootoonni Habashaa, akka seenaan Oromoo hin barreeyfamne mala adda addaatiin dura dhaabbachaa turan. Waan qeesotni isaanii dur barreeysanillee dhoksuudhaan, gara biraatiniis akka hin barreeyfamne ittisaa turan. Har’aas itti jiru. Akka seenaan Oromoo hin barreeyfamne, dhiibbaan isaan godhan: tokkoffaa namni akkeka kana qabu, akka dhiisuykn akka kun hindandayamne godhanii itti dhiheessuudhaan harkatti busheessuuf yaalu. Lammmaffaa, akka eehama argatee qormaata kana hingoone karaa itti cufu. Haa tahuu malee, qormaata ummatoota naannoo Kaaba Baha Afrikiirratti godhame keessaa kan Oromoorratti godhameefi godhamaa jiru baayyee guddaadha. Waa’ee ummata Oromoo qorachuun mata duree qormaata guddaa tahee jira.

Seenaa Barreeysitoota Arabaa

Seenaa ummatoota Gaafa Afrikaa warra barreeysan keessaa Arabootiin warra duraati. Keessattu eega amantiin Islaamummaa Gaafa Afrikaatti babl’achuu jalqabe, Araboonni bifa lamaan dhufuu jalqaban. Kuniis bifa amantii babal’isuufi nagadaan ture. Araboonni bifa kanneen keessa tokko ykn lachuutuu, waa’ee Oromoo galmeessanii seenaa barreeysanii jiru. Har’a seenaa Oromoo barreeysuuf qorachuuf maddi tokko barreeysaa Arabootaa taheeti argama. Akkauma haalaafi yeroo isaan barreeysanitti, akkasumas ilaacha isaanirraa kan ka’e, barreeysan isaanii mudaa qabaachuu nidandaya.

Seenaa Oromoo qoratanii barreeysuuf, madda adda addaafi mudaa isaan qaban ilaallee jira. Madda jiran kanatti dhimma bahuudhaan seenaa haqaa barreeysuuf, maddi amansiisaan himamsa afaanif aadaa Oromoti taha. Seenaan afaanii akka barri dheeratuun, ilaalchaafi muxannoo haaraya dabalataa akka demu yaadachaa, qormaata godhamuun seenaa keenya barreysuu nidandeenya. Jarsooliin Oromoo kan seenaa dur beekan utuu hin dhabamin waan godhamuun irra jiru. Maddi kun gayuu akka dandayu irraanfachuun nurra hinjiru.

Hunda caalaa seenaan Oromoo dgaagsuufi guddisuuf qoodni qabsoon qabu guddaa akka tahe dagachuun namarra hinjiru. Sadarkaa har’a ummanni Oromoo ABO jalatti hiriiree kallachaa isaa waliin qabsoorra waan jiruuf, waa’ee ummata Oromoo baruuf gaaffiin ka’aa jiran guuddaadha. Har’a waa’ee Oromorratti qormaata guddaatu beektoota bijyya baayyeen godhamaa jira. Keessattu waggaa 10rnan dabranii as qormaatni kun dabalaatuma jira. Kun tolatti kan dhufe utuu hin tahin, dhaabni waa’ee ummata kanaaf falmu waan jiruufi. Qabsoo godhuun seenaa dabaa jiru sirreessuudha dandaya. Dur namootni hedduun maqaa Gaallaa jedhu malee, maqaa Oromoo hin beekan. Har’a garuu maqaan Oromoo jedhu hundaan beekamee jira. Kun bu’aa qabsoo keenyaati.

Koloneeffattoonni yoomillee taanaan, ummanni isaan koloneeffattan seenaa qabu jedhanii hin yaadan. Seenaa ummata koloneeffatanii dabsanii ykn akka waan hin jirree godhanii dhiheessu. Seena oromoos kan qunnamte kanuma. Qabsoon arra godhaa jirru, seenaa ummata keenyaa gaddhaaba, baduurraa hambisa, alagaan akka qoratuuf karaa bana. Qabsoo keenya finiinsuun sagalee ummata Oromoo baay’atee akka dhagayamu godha, fedhii alagaan waa’ee isaa baruuf godhu guddisee, qormaata irra bal’aatiif karaa bana. Kaanaaf seenaa keenya haga har’aa alagaan barreeyfamee ija qeeqaafi xiinxalaan barata, sabbontonni Oromoo seenaa dhugaa qoratanii bareeysuuf dirqamni akka irra jiru yaadachiifna. Haga har’aatti kan argamees firii qabsoo keenyaati.

Seenaa Barreeysitoota Arabaa

Seenaa ummatoota Gaafa Afrikaa warra barreeysan keessaa Arabootiin warra duraati. Keessattu eega amantiin Islaamummaa Gaafa Afrikaatti babl’achuu jalqabe, Araboonni bifa lamaan dhufuu jalqaban. Kuniis bifa amantii babal’isuufi nagadaan ture. Araboonni bifa kanneen keessa tokko ykn lachuutuu, waa’ee Oromoo galmeessanii seenaa barreeysanii jiru. Har’a seenaa Oromoo barreeysuuf qorachuuf maddi tokko barreeysaa Arabootaa taheeti argama. Akkauma haalaafi yeroo isaan barreeysanitti, akkasumas ilaacha isaanirraa kan ka’e, barreeysan isaanii mudaa qabaachuu nidandaya.

Seenaa Oromoo qoratanii barreeysuuf, madda adda addaafi mudaa isaan qaban ilaallee jira. Madda jiran kanatti dhimma bahuudhaan seenaa haqaa barreeysuuf, maddi amansiisaan himamsa afaanif aadaa Oromoti taha. Seenaan afaanii akka barri dheeratuun, ilaalchaafi muxannoo haaraya dabalataa akka demu yaadachaa, qormaata godhamuun seenaa keenya barreysuu nidandeenya. Jarsooliin Oromoo kan seenaa dur beekan utuu hin dhabamin waan godhamuun irra jiru. Maddi kun gayuu akka dandayu irraanfachuun nurra hinjiru.

Hunda caalaa seenaan Oromoo dgaagsuufi guddisuuf qoodni qabsoon qabu guddaa akka tahe dagachuun namarra hinjiru. Sadarkaa har’a ummanni Oromoo ABO jalatti hiriiree kallachaa isaa waliin qabsoorra waan jiruuf, waa’ee ummata Oromoo baruuf gaaffiin ka’aa jiran guuddaadha. Har’a waa’ee Oromorratti qormaata guddaatu beektoota bijyya baayyeen godhamaa jira. Keessattu waggaa 10rnan dabranii as qormaatni kun dabalaatuma jira. Kun tolatti kan dhufe utuu hin tahin, dhaabni waa’ee ummata kanaaf falmu waan jiruufi. Qabsoo godhuun seenaa dabaa jiru sirreessuudha dandaya. Dur namootni hedduun maqaa Gaallaa jedhu malee, maqaa Oromoo hin beekan. Har’a garuu maqaan Oromoo jedhu hundaan beekamee jira. Kun bu’aa qabsoo keenyaati.

Koloneeffattoonni yoomillee taanaan, ummanni isaan koloneeffattan seenaa qabu jedhanii hin yaadan. Seenaa ummata koloneeffatanii dabsanii ykn akka waan hin jirree godhanii dhiheessu. Seena oromoos kan qunnamte kanuma. Qabsoon arra godhaa jirru, seenaa ummata keenyaa gaddhaaba, baduurraa hambisa, alagaan akka qoratuuf karaa bana. Qabsoo keenya finiinsuun sagalee ummata Oromoo baay’atee akka dhagayamu godha, fedhii alagaan waa’ee isaa baruuf godhu guddisee, qormaata irra bal’aatiif karaa bana. Kaanaaf seenaa keenya haga har’aa alagaan barreeyfamee ija qeeqaafi xiinxalaan barata, sabbontonni Oromoo seenaa dhugaa qoratanii bareeysuuf dirqamni akka irra jiru yaadachiifna. Haga har’aatti kan argamees firii qabsoo keenyaati

Ummata Oromoo

Ummanni Oromoo jedhamu Gaafa Aafrikaa keessa kan jiraatudha. Kan inni dubbatu afaan Oromooti. Ummanni Oromoo walitti ejjee osoo addaan hincitin, godina kana keessa qubatee argama. Bakka bal’aa irra haaqubatuu malee, afaan tokkicha kan hundi itti waliigalu qaba. Kaabaa-Kibbatti, Bahaa-Dhihatti ummata aadaa tokkicha qabuudha. Diinagdeedhaaniis walirratti irkannoo cimaa qaba. Bara dheeraaf walabmmaan jiraataa turee, dhuma jaara19ffaa keessa alagaan kan koloneeffatameedha. Har’aas waliin dhaabbatee bilisummaa isaatiif lolachaa jira. Kanaaf akkaataan yaadasaa walfakkaata, hawwiifi fedhi siyaasa tokkicha qaba. Kaanfi ummnni Oromoo kan saba tokko kan jedhamuuf.

Damee dhala namaa Afrikaa keessatti argaman keeessa, Orommoon damee kuush jalatti argama. Dameen dhla namaa Afrikaa keessatti argaman:

Haam ykn kuush

Seem

Neegiroo

Buushmeen ykn Hotteentoos

Negirilloos jedhamu. Dameen kuush bakka gurguddaa lamatti addaa qoodaman. Kuush Kaabaafi Bahaatti warri argaman:

Beejjaa , Berberiins (barbara,nuuba), Oromoo, Sumaaleefi saboota Kibba empaayera Tophiyaa jala jirani, garuu isaan dhiiga Neegiroo wajjiin walmakuun hin’oolle. Misroota duriifi haaraya. Ummata kana keessa hammi hammi tokko dhiiga gara biraa makachuu hin’oolle.

Kuush (haam) Kaabaa keessaatti warri argaman ammoo, Berbersii, Siraanaayikaa, Trippolitaaniyaa, Tuniisiyaa, Aljeeriyaa, Berbersii Morookkoo, Tureegfi Tiibuu saharaa fuulbe dhiha Suudaaniifi Gu’aanchee warra kanaari Aayland keessaati.

Ummanni Oromoo saboota Gaafa Afrikaa keessatti argaman keesssaa isa guddaadha. Lakkooysi ummata Oromoo kan har’a kolnii Toophiyaa jala jiru duwwaan miliyoona 20 ol nitaha. Biyyoota Afrikaa keessaa kan baayyina namaatiin Oromoo caalan afur qofa, akka sabaatti yoo fudhanne, sabni Oromoo, saba tokkicha guddaa Gaafa Afrikaa, tarii kan Afrikaati. Ummata Empaayera Toophiyaa har’aa kessaa walakkaa ol kan tahan Oromoota maqaa “Gaallaa” jedhu.

Ormoon maqaa gaallaa jedhu kanaan akka ofi hinyaamne, seenaa barreeysitoonni raagaa nibahu. Fakkeenyaaf namichi Chaarles T. Beke jedhamu bara 1847tti yeroo barreeyse- “isaan maqaa boonaa Ilma Oromoo” jedhuun ofwaamu, garuu warri Habashaa Gaallaa jedhuun waamu” jedhe. Ummanni Oromoo eega maqaa kanaan ofhinwaamne, maddi isaa eessa taha? Hundee maqaa kanaatiifi hiikkaa isaarratti wanti odeeyfameefi barreeyfame hedduudha.

1. Oromoon dur hogguu lola dhaqee, yeroo moo’ee ykn moo’amee jedhu ” Kootta ni gallaa” jedhee walwaama. Kootta nigallaa isa inni jedhurraa maqaan “gaallaa” dhufe warri jedhan nituran.

2. Oromoon dur gaala waan tiiysuuf, akkasumaas fe’atee waan demuuf yeroo inni gaala jedhu dhagayanii 2. “gaallaa” ittiin jedhan jedhu:

dur ummata gosa “Gool” jedhamuutu Faransaayii keessa ture, maqaan achirraa dhufee jedhanii warri odeessu nijiru.

Namichi Yihuudii kan Abbaa Balzezar Tellez jedhamu ammoo, jechi “Gaallaa” jedhuu kun afaan Hibiruufi Giriikirraa dhfeedha jedha. Afaan hibiruufi Girikii kessati “gala2 jechuun “aannan” jechuudha. Kanaaf achirraa dhufuun nimala jedhu.

Habashoonni ammoo, maqaa gaalaa jedhu kanaaf hiikkaa kannanii jiru. Namichi kassate Birhaan Tassammaa kan guuboo (kuusa) jechoota afaan Amaaraa barreeyse yeroo hiike: Gaalaa jechuun aramanee, yaal salaxxanee, cakkanyi, ye amaaraa xilaat” jechuudha, jedhee jira. Barreeysaan amaaraa gara biraan ammoo, dhugaa jiru lafa kaayee jira. Maqaa Gaallaa jedhu kan kanneef warra Habashaa,warra qomaaxaafi beela biyya keenyati fideedha. Akka inni jedhetti “isaan Oromoodha ofiin jedhan, garuu Amaarri immoo, “Gaallaa” jedhaan” maqaa kanaan dura Oromoo yaamuu kan jalqabe Amaara tahuun ifa ta’a. Biyyoonni ollaafi warri Arooppaas isaanirraa fudhachuun isaanii dirree ta’a.

Amaarri maqaa kanaan Oromoota yaamuun jibbiinsaafi diinummaa, akkasumas garaagarummaa karaa amantii isaanii gidduu jirurratti kan hundaa’eedha. Kuniis battala Oromootaafi Habashootni walqunnamanitti, Oromoon amantiilee guddaa lamaan keessaa hinqabu ture. Habashoonni lafa Oromoo irraafudhachuuf fedhii waan qabaniif, Oromoon ammoo, biyyaa saa irra jabaatee waan ittiseef, jibbiinsaafi diinummaa guddaatu gidduu isaanii jira. Kanaaf maqaan “Gaallaa” jedhu kan diinni Oromootaaf baaseef, maqaa balfachuufi tuffii tahee argama.

Har’a Oromoo ta’ee kan maqaa Gaallaa jedhuun ofwaamu hinjiru. Yoo jiraatees nama doofa (sodaataa) isa dhumaa ykn qaamaan duwwaa utuu hintaane, kan sammuu dhaaniis gabroome qofa. Seenaa qorattoonni addunyaa, gaazeexoonni biyya adda addaafi raadiyoon addunyatti lallaban hundi maqaa “Gaallaa” jedhu dhiisanii Oromotti dhimma bahaa jiru. Kun bu’aa qabsoo Oromoo akka tahe ifaadh

Madda saba Oromoo

Maddi ummata tokko lafa akkasii, goleefi boolla akkasii keessaa jedhanii himuun baay’ee nama rakkisa; hin barbaachisuus ture. Ummanni tokko akka bineessaa boolla keessaa jiraataa turee, gaaf tokko akka waakkoo kan olba’uumiti. Idiletti maddi saba sanaa damee dhala namaa irraa gosa akkasii keessaati jechuun nigaya ture. Madda saba Oromoos hoggaa xiinxalan haala kana hordafuun quubsaa ture. Haa tahuu malee seenaa Oromoo warri barreeysan dabsaa waan turaniif dirqitti waa’ee madda Oromoo kaafnee xiinxaluun barbaachisa taha.

Maddi saba Oromoo eessa? Gaaffii jedhu namoonni adda addaa akka adda addaati deebisu. Isaan kaan akka yaada isaan dhiheessanitti yooo adda qoodne:

Waan qeesoonni Habasha barreeysan,.

Aafrikaa alaa dhufe warra jedhan

Aafrikaa keessaa golee tokko lafa kaa’uu warri barbaadaniifi

Himamsa afaan Oromootaatti adda baasuu nidandeenya

Isaan kana tokko tokkoon haalaalluu.

Waan qeesootni Habasha barreeysan

Qeesotnii Habashaa Oromoo ija diinummaatiin waan laalaniif kan isaan barreeysan dhugaa irraa fagoodha. Jibbiinsi isaan Oromoodhaaf qaban waan guddaa taheef, haga namummaa Oromoo haalanitti gahu.

Alaqaa Taayye kan jedhu “akkata Gaallaan bishaan keessa itti bahan beeksisa.” Jedhee barreeyse. Gaalloonni bishaan keessaa waan bahaniif qurxummii hin nyaatan. Kanaafiis bishaanitti waaqeeyfathu jeddha.

Astime Gi’orgs kan jedhu ammoo, Gaallaan ilmaan sheeyxaanaati jechuu kajeela. Kanaan utuu hindhaabbatin oduu afaanii kan balfachuuf odeeffaman fhudhatee hiddi sanyii Oromoo gabra jadhee barreeyse. Namichi Jalqaba laali Maatewoos jedhamu tokko gabra heedduu qaba ture. Gabroota isaa kana waan miidheef jalaa badanii biyya (lafa) gara kibbaa jirutti galan. Namoonni amala gadhee qabaniifi yakkaman badanii itti dabalamuudhaan achitti walhoran. Kana boodde Habahsaa weeraran jedhee barreetsee jira. Qeesootni Habashaa kun madda Oromoo barreeysina jedhanii tuffiifi ija jibbansa Oromoof qaban dirretti himanii jiru. Wanti isaan barreeysan kan dhugaarraa fagaate waan taheef hedduu wajjiin cinqamuu hinqabnu.

Aafriika alaatti akeekuu warra barbaadan

Hindii:- Oromoon Aafriikaa ala, hindiirraa dhufe warri jedhaniis nijiru. Oromoon dur biyya Hindii keessa jiraataa turer , booda bidiruudhaan garba Hindii cahee gara Maadagaaskar dhufe. Achirraa gara Taanzaaniyaatti cahee booda Keeniyatti babal’ate jedhu. Gaarri Kilmanjaaroo jedhamu afaan Oromootiin tulluu janjaaroo jechuudha jedha. Monbaasaa jechuun bobbaa sa’aa jechu, Naayroobi jechuun naaroobi, keeniyaa jechuun keennya jechuudha jedhu. Maqaalee kana Oromoon keennuufi ykn akka tasaatti walkiphuun nimala. Garuu Oromoon Hindiirraa dhufuu har’a wanti mirkaneessau hinjiru. Ummata har’a Hindii keessa jiraatan keessa kan aadaadhaafi seenaadhaan Oromoo fakkaatan tokkolleen hinjiru. Oromoon beekkumsa bidiruu tolchuus hinqabu. Kanaaf garba Hindii guddaa kana akkamitti cehuu danda’a? Oromoon Hindiirraa dhufe jechuun dhugaa hintahu.

Faransayii :- Oromoon dur Faransaayii ture; kan jechuu barbaadaniis nijiru. Biyya Faransaayii keessa gosa Gool jedhamtu ture. Kanaaf Oromoon (Gaallaan) achirraa dhufuun nimala jedhu. Haatahuu malee kana wanti mirkaneessu hinjiru.

Faarsii:- Oromoon Faarsiirraa dhufe jechuu warri barbaadan nijiru. Kanaas Islaamoota qarqara Galaanaa jiraatantu jedhu. Namichi M.D Abdi’e jedhamu yeroo galmeessu hundeen ykn shanyiin saba Oromoo ijoollee dubraa obbalaa sadii turan. Isaaniis dubartoota Jarusalaam(Iyyerusalam) ; booda sanyiin isaanii walhoranii baay’anaan mootummaa Kibbaa isaanii (Arabiyaa) jiru weeraran. Sana booddee karaa Baab-el-mandab gara Aafriikaatti cehann jedhu.

Konii Israa’eel:- seenaa barreeysaan Yehuudii kan abbaa Belzezar jedhamu ammoo, waan dinqii katabe. Oromoonni kolonii Israa’eel turan jechuu barbaade. Abbaan Belzezar Tellez akka jedhutti dur ummtni kun adii ture. Israa’iiliitu isaan bulchaa ture. Bara Israa’iloonni faca’an ummatni kun Aafrikaatti cehanii naannoo kaaba baha Afrikaa keessa qubatan jedha. Kun eegaa yaada tasa namaaf hinfudhatamneefi waan mirkana tahees kan hinqabneedha.

Yaadni Oromoon Afrikaa alaa dhufe jedhu dhugaa waan hinqabneedha. Seenaa mirkanii hinqabne akkasii tana fudhatanii babal’isuuf warri tattaafatan akeeka qabau. Keessattu warri seema Afrikaa alarraa waan dhufaniif kan Oromoos kanatti harkisuu barbaadu. Oromoon osoo Hindii, Fransaayii, ykn giddu galeessa bahaarraa dhufe tahee ummatni aadaan, afaaniin, qaamaafi seenaan Oromoo wajjiin walfakkaatu achitti argamuutu irra jira. Garuu har’a Hindii, Fransaayiifi Faarisii keessatti kana hinarginu. Kanaafu maddi saba Oromoo Afrikaa alaamiti. Ummatni Oromoo, ummata Afrikaa qulqulluu keessaa isa tokko thuun hin mamsiisu.

Afrikaa keessa golee tokko warri akkekuu yaalan

Ummatni Oromoo ummatoota kuush keessaa tokko akka ta’ee mamiin hinjiru. Kuush ammoo, damee dhala namaa keessaa isa tokko tahee Afrikaa keessatti kan argamuudha. Kanaaf Afrikaa keessaa bakka madda Oromoo akeekuuf yaalame haalaallu.

Duuchaa dhumtti Oromoon toora sabbata lafaa (equator) irraa dhufe warri jedhan nijiru. Maddi ummata Oromoo ammoo, Hora Viktooriyaati warri jedhaniis nijiru. Oromoon Suudaan keessaa bakka Sinaar jedhamuu ka’ee karaa Gojjaamiifi Tulluu walaliin seene warri jedhaniis nijiru. Jechoonni kun hundinuu waan qorannoodhaan mirkanwuu qabaniidha.har’a ummatoota Burundiifi Ruwaandaa keessa jiraatan keessaa sanyiin isaanii gara Oromootti warri dhihaatan nijiru. Garuu Oromootu dur achi turee irraa godaneefi, isaantu gara sanatti godaananii wanti beekamu hinjiru. Qormaata gahaa barbaada.

Qeesiin Amaaraa Abbaa Baahiree jedhamu bara 1593tti hoggaa waa’ee ummata Oromoo barreeyse.

Oromoonni gara dhihaarraa laga biyya saanii kan galaana jedhamu cehanii, bara Atsee waang Saggad gara huduuda Baallii dhufa” jedhee ture. Algni galaana jedhamu har’a adda hinbahu. Oromoon lagaan galaana jedhee ni waama. Tarii inni Abba Baahireen jedhu kun laggeen gannaalee, wabee, saganfi walmal ykn Dawwaa keessaa tokko tahuun nimala. Naannoo Baalli jedhamu kutaa har’a Baale jedhamuun walitti fakkeessuun hintahu. Seena qorqttoonni Baahiree booda garii haala gaafas Oromoon lafa isaa deebifachuuf sosso’aa itti ture hubachuu dhbuu irraa, waan Baahireen barreeyse fudhatanii waan Baahireen barreeyse fudhatanii madda ummata Oromoo himu. Haathuu malee, Baahireen madda Oromoo Afrikaa keessatti akeeka malee ala hinbaafne.

Maddi Oromoo Afrikaa kessa tahuu isaa seena barreessitoonni hedduun amananii jiru. Haathuu malee, Afrikaa keessaa naannoo Kaaba-Bahaa tahee achi keessatti golee tokkotti Oromoo murteessuuf warri tattaafatan nijiru. Isaan kana keessaa warra bebeekkamoo duwwaa ilaalla. Namni biyya Xaliyaanii Enrikoo cheruulii jedhamu, maddi saba Oromoo fiinxee Gaafa Afrikaa, Kaaba bahaa Somaaliyaa naannoo mijerteeniyaati jedha. I:M: Luwiis kan jedhamuus waan Cheruuliin jedhe kan fudhachuudhaan seenaa Somaalee barreeyse. Obboo Yilmaa Dheereessaas yaaduma Cheruulii kan hundee fudhachuun maddi OromooKaaba-baha Soomaaliyaati jedha. Cheruulli irraa jalqabanii seenaa qorattoonni yaada kan dhugoomsuuf akkas jedhan: “maddi Oromoo Majarteeniyaa ture. Somaaloonni yeroo sana Oromoorraa gara Kaabaa naannoo Barbaraafi Zayilaa turan. Jaarra 1ffaa ykn 11ffaa keessa Arbitichii Sheek ismaa’il jedhamu biyya Somaalee dhufe. Dubartii Somalee fudhee gosa daroot irraa hore. Qur’aana isaan barsiisee Islaameesse…jaarraa12ffaa keessa bakka turan -Barbaraafi Zayilaarraa warraaqanii Oromoo waraanuu jalqaban. Oromoon dura dhaabachuu waan hindandayiniif jalaa siqaa Ogaadeen seenan. Booddee Somaaloonni waan itti jabaataniif, Oromoonni jalaa sossohanii Waabi Shabeellee cehanii qubatan.

Yaadni isaan dhiheessan akka tocho’iinsa (godaansa) Oromookan jaarraa 16ffaa ragaa ni taha kan jedhaniidha. Yyadni kun Oromoofi Somaalee gidduu karaa antrippoloojii hidhata jiru haaluudha. Oromoofi Somaaleen yeroo kamii jalqabanii adda bahanii, kopha kophatti gara sabaatti dagaaguugu jalqaban gaaffii jedhuuf deebii gahaa dura argachuu barbaachisa. Tarii yeroon Oromoofi Somaaleen gosa tokko turanii waliin naannoo jedhame keessa jiraatan jiraachuun nimala.

Yaadni Oromoon Kaaba baha Somaaliyaarraa madde jedhu hamma 1963tti beektoota baay’een waan fudhatamee ture. Yaada kana kan faalleessu qorannoon godhomee Habarlaand nama jedhamuun ture. Oromoon Somaaliyaa keessaa dhibamee dhufe osoo hintaane, baddaa Baalee keessa jiraata ture. Habarland hoggaa kana ibsu. Oromoonni kan maddan Kaaba Somaalee keessa osoo hintaane baddaa Baalee irraati. Achitti gosa tokko tahanii horii horsiifachuu qofaan utuu hin thin qotiinsaan bulan. Dongoraadhaan qotuu turan. Garbuus facaafatu. Booda walitti baay’anaan karaa hundaan, gara Somaaletti hamma Bur-haqabaafi Mija-rteenitti, gara Booranaafi Keeniyaatti hamma laga xaanaatti, gara Habashaattis hamma daangaa Tigraayitti, hamma Suudaaniifi hararitti bittinnaa’an” jedhe.

Habarlaandaan kan irratti dabalee yaada Oromoonni Somalootan dhibaamanii gara naannoo har’a jiraatanitti faca’an jedhu kun waan hinfakkaanne tahuu isaa ibsa. Yaada Habaralaandi kan kan warrra kaanirraa kan adda isa godhu, Oromoon baddaa Baalee keessa qubatee qonna qotataa kan ture malee, jaarraa beekama tokko keessa akka awwaannisaa ka’ee kan godaane akka hintaane ibsuu isaati.

Yaada Habarlandaa kan deeggaru, seenaa qorattoonni adda addaa yaada darbatanii jiru. Charles T.beke barreeyfama isaa kan 1847 barreeyse keessatti Oromoon lafa gammoojjii, lafa naannoo Somaaleeti kan dhfteemiti jedha. Naannoo isaan dura turan, lafa gaara qabu, baddaa tahuu qaba jedha.bifti Oromoo akka inni ummata gammoojjii (negiroo) hin taane ragaa nitaha. Habashaarraa gara kibbaa ummata jiraataa ture, lafti isaa badda, nannoon isaa galaanni ykn bishaan guddaan turuu nimala. Beekeen yaada isaa akkasitti hogga lafa kaayu, kan Habarlaandi wajjiin waliitti dhufa. Tellez kan jedhamuus Oromoon lafa Baalliifi galaana hindii gidduu jiru keessaa jiraataa ture jedha. Kanaaf wanti qorattoonni kun jedhan idileetti Oromoon lafa baddaa kaaba baha Afrikaa keessa jiraataa ture kan jedhuudha.

Hunda caalaatti qorannoo irraa bal’aa gochuudhaan, uummatni Oromoo ummata Afrikaa qulqulluu tahuu isaa kan addeesse Harbert S. Luwiis jedhama. Waa’ee madda saba Oromoo qorachuudhaaf S.Luwiis waan lama gurguddaa irratti hundaawe.

Qormaata afaanoota kush Bahaafi

Himamsa aadaati.

Luwis afaanoota ummatoota kuush afurtamii-torba keessaa kan Kuusha bahaa warra baay’ee waliitt dhihaatan 24 qorate. Afaanootni kun, akka walfakkaatanitti bakka afuritti qoode. Afaanootni kaan bara dheeraaf wailirraa adda waan turaniif malee, hundi isaanii dur tokko akka tahan addeesse. Herbert.S.Luwis ummatoota Kuush bahaa keessaa kanneen baay’ee Oromoo wajjiin walfakkaatu qoratee, madda Oromoo hoggaa ibsu:

Hunda caalaa afaan isaanii Afaan Oromoo wajjiin kan walfakkaatu kan ummata Koonsoo, Gidoollee, Gatoo, Arboora, Gaawwata, Waraasa, Tsemaayiifi Galab kan isaan argaman Toophiyaarraa gara kibba har’a biyya Gamuugoofa jedhamtu keessa., Hora Abbyyaafi Caamoorraa gara kibbaatti nannooa laga Sagaanifi Duulee keessa. Jaarraa baay’een fuuldura afaan Oromoo afaanoota jara kanaa wajjiin tokkicha tur. Booda eega afaan hunda isaanii adda babahee raaw’atee Oromoon gara dhihaarraa kan hafe gara hundatti yeroo socha’u jarri kaan achuma biyya isaanii kan duritti hafan. Kanaafiis Oromoonni tooruma Haroo Abbaayyaatiifi Caamoo naannoo lageen saganiifi Duulee turan jedhee jira. As keessaatti Harbert S.Luwis warra kaan caalaa bakka beekamaa tokko lafa kaayuuf carraaqe. Qormaanni inni godhe kun, saboota kaani wajjiin walbiraqabee waan taheef irra bal’aadha. Haatahuu malee, Oromoon bara kanarraa kaasee akkamitti saboota kanaa wajjiin adda bahee kophatti saba tahuu jalqabe gaaffiin jedhu ammallee qormaata barbaada. Sabootni ollaa walii jiran waldhibuu nijiraata, yeroo tokko inni tokko jabaatee hoggaa lafa isaa bal’ifatu, lafti isa kaani ammoo nidhiphata. Haalli kun wal jijjiree jiraata. Qormaata Harbertirraa akka hubannutti maddi saba Oromoo naannoo lageen saganiifi Duuleeti. Garuu madda saba Oromoo lafa dhiphaa akkasii keessatti hidhuun qormaata boru godhamuuf nama rakkisa. Qormaata gara biraatiin utubamuu qaba. Jalqaba laali

Madda ummata Oromoo bira gahuuf, himamsi aadaa bakka guddaa qaba. Seenaan afaaniin dabru madda seenaa keessaa isa jabaa tahullee waan bara dheeraan duraa himuurraatti mudaa hinqabaatin hin hafu. Hammi afaaniin waltti dabarsaa fidan yeroo wajjiin ni jijjiirama, kaniis irraanfatamuun nimala. Haatahuu malee, seenaa tokko barreeysuu keessaatti qooda guddaa qaba. Xasoo Magiraa qormaata seenaa Oromoo godhe keessatti himamsa aadaaf bakka guddaa kenne jira. Manguddoota Oromoo kutaa adda addaa keessa jiran gaafatee, hundi saanii naannoo walitti dhihoo tahe akka himatan bira gahe.

1. Jaarsooliin Ituufi Humbanna (Harargee) afaan tokkoon mormorii dhufne jedhu. Mormor kutaa Baalee naannoo Dalloofi Mandooyyuu jedhaman keessaa qarqara laga Gannaaleetti argama.

2. Jaarsooliin Arsii naannoo Bareedduu Kurkurruu jedhamu himatu. Kuniis Baalee keessatti lageen walamaliifi Mannaa giddutti argama. Laggeen kun Baddaa Baalee keessaa burqanii Konyaalee Dalloofi Mandooyyuurraa yaa’anii Gannaaleetti galu.

Oromoon Wardaayi Keeniyaa keessatti kan argaman Tullu Nam-durii dhufne jedhu. Mangddoonni Booranaas Tulluu Nam-durii kana himatu. Tulluun Nam-dur kan argamu Baalee keessaa Koonyaa Dalloofi laga walmaliifi Gannaalee giddutti.

Oromoonni Maccaafii Tuulama oggaa gaafataman afaan tokkoon, Haroo Walaabuu himatu. Walaabuun kan aragamu Baale keessa Konyaa Dalloo laga Gannaalee qarqaratti ganda Bidree jedhamtu cinatti.

Ormoonni Gujii bitaafi mirga laga Gannaalee naannoo Girjaarraa dhufne jedhu. Girjaan kutaa Sidaamoo Awraajjaa Jamjam keessatti gara mummee laga Gannaaleetti argama.

Eegaa himamsa aadaa kanarraa akka hubatamuu dandayutti Oromoon Afrikaa alaa akka dhufe wanti akeeku hinjiru. Oromoon as Afrikaa keessaa akka ture, keessattuu Kaab baha Afrikaa keessa akka ture argisiisa. Himamsi aadaa kun kan akeeku Ormoon Kutaalee har’a Sidaamoofi Baale jedhaman keessaa Konyaalee Dalloo, Mandooyyuufi Jamjam keessa akka jiraata tureedha. Ormoon yeroo dheeraadhaaf naannoo kan jiraate jechuun ni dandaya. Haa tahuu malee, Ormoon asitti dhalate jechuuf qormaata irra bal’aa kan hariiroo ummatoota kuush wajjiin jiru xiixaluu barbaachisa.ummatni tokko gaafuma tokkotti bakka tokkotti kan dhalatuumiti. Dagaagina dhala nama kan yeroo fudhatu keessa dabree kophatti bahee ummata mataa isaa dandahe taha. Xumuramuudhaaf kan jedhuu dandayu, ummatni Oromoo ummata Gaafa Afrikaa keessaa isa tokko, damee kuush keessatti argama, yeroo dheeraa irraa kaasee kaaba-baha Afrikaa keessa jiraate, har’aas jiraataa jira.

Lola Amntiifi Miidhaa Oromoorra gahe jaarraa 10ffaa _15ffaa

Amantiin Kiristaanaafi Islaamaa Gaafaa Afrikaa walduraa duubaan seenaan. Amantiin Kiristaanaa jaarraa 4ffaa keessa warra Habashaa keessaa seenee amantii warra mootii tahe. Mootoonni Habashaa Kiritaanummaa fudhatanii saboota kaaniis fudhachiisuu jalqaban. Amaantiin Islaamaa gara Afrikaatti kan cehuu jalqabde Jaarraa 7ffaa keessa ture. Nagadaafi Islaamummaa babal’isuun walqabatanii gara Afrikaa qarqara galaana diimaarraa bakka heddutti faca’e. Jaarraa 10fi12 giduutti lafaa qarqara galaana diimaa bira dabree godina kana keessatti babal’achuu jalqabe. Hawwiin babal’achuu amantii kana lamaanii, waldura dhaabbatee lola lubbuufi qabeenya ummata godina kana balleessuuf deemsifame. Lolli kun keessattuu ummata Oromoorraan miidhaa gudda gahe.

Oromootniifi Affaarootni walitti aananii qubatan. Giddu saaniitti lafa irra tiikfatan bal’ifachuuf waldhiibuu irratti lolli sadarkaa adda addaatti ture. Lafa bishaaniifii margaa qaburraa waldhiibanii gumaa gidduu isaaniitti argamu manguddoota gosaan fixachuun niture. Haalli kun garuu eega amantiin Islaamaa Affaaroota seenee jalqabe bifa amantii babal’isuu dabalatee cimaadhufe. Affaarootni lafa Oromoorraa dhiibanii qabatan mootooma Islaamaa tolfachuu jalqaban.

Affaarootni amantii Islaamummaa fudhatanii mootooma dhaabbachuu haajalqaban malee, haalli isaan keessa turan gaariimiti. Islaamummaa hundaan hinfudhanne, kanaafuu isaan jidduu waldhabbiin niture. Tokkooma gosa tokkicha jalatti waan hin sassaabamneef haala faffaca’ee keessa turan. Mootoomni Islaamaa dhaabbataniin xixiqqoo faffaca’oo turan. Mootoomni Islaamaa hoggaas uumaman Ifaat, Adaal, Harar, Awwusaa,…turan. Mootoomni hoggaa Ifaat keessatti dhaabbate Walashama jedhamee beekama.

1. Motomni Islaamaa kun hawwii lama-sdii qabu turan. Isaaniis:

2. Amantii Islaamaa babal’suu

3. Daandii nagadaa harkatti galfachuufi

4. Daga gabbataa tahe qabachuudha.

Kanaaf Oromoota olla isaanii jiran dhiibuu jalqaban. Jaarraa 13ffaa keessa Oromoota naannoo Faxagariifi Dawwaaroo keessaa arihanii dhufatan, achiirraa dhaabbatanii Baalliifi Daraaratti duulanii Oromoota amantii Islaamaa Fudhachiisan. Bakka kanatti mootooma Islaamaa tolafatan. Babal’ifannoon Islaamaa kun Habashoota yaaddeesse. Hawwii isaan Kiristaanumma babal’isuuf qaban dura dhaabbate.

Islaamummaan babal’atee, Oromoota daga isaaniirraa dhiibee yeroo daga kiristaanaatti dhihaate kana, Habashoonni rakkina keessa turan. Yeroon kun yeroo mootummaan Aksum caphee harka Agawutti gale, lolli Agawootaafi Habashoota jiddutti tahe, yeroo humni isaanii itti laaffisuudha. Eega Agawuun qabatees lolli Habashoota jiddutti deemaa waan tureef, humni isaanii keessatti nilaaffate. Mootonni Agaw kan Zaaguwee jedhamee beekamu, hamma walkkeessa jaarraa 13ffaatti irra turee booda moo’ame. Habashoonni aangotti deebi’an. Habashoonni eegasii human isaanii jabeeyfatanii dhiibbaa Islaamoota ykn Affaarootaa dura dhaabbachuu jalqaban.

Bara 1250rraa kaasee lolli kiristaanafi Islaama jiddutti yeroo dheeraaf godhame jalqabe. Habashoonni Affaaroota ofjalatti gabbarsiisuu, dagaafii mantii isaanii babal’ifachuuf babal’ina amantii Islaamaa dhaabuuf; Affaarootniniis daga bal’ifachuufi, babal’ina amantii kiristaanaa dhaabuuf tattaafataa turan. Lamaanuu daga Oromoo kan hoggaa Affaarootni dhunfatanirratti waan walqunnamaniif lolli hedduun lafa Oromoorratti tahan. Wallolli Kiristaanaafi Islaama giddutti jalqabame itti fufe, bara Imaam Ahmed sadarkaa guddaarraa gahee hamma Oromoon Gadaan ofjaaree ka’etti deeme. Habashoonnifi Islaamoonni daga Oromoo Faxagar, Dawwaaroofi Baalli keessatti wallolanii qabeenya Oromoo saamuudhaan dabree ofcimsaa turan. Lola kana keessatti hedduu kan hubame Oromoodha. Ormoon qabeenya saamamee, lubbu namni heedduu irraa dhumanii, miidhaa guddaan irra gahe. Umanni Oromoo diina isaa lachuu ofirraa lolaa lafa isaa deebifachuuf tattaafachaa ture.

Lolli Habashootaafi affaaroot jidduu bara mootii Habashaan Yagiba Tsiyoon (1285-94) jalqabame. Yagibaan Tsiytoon Adaalitti duulee cabsee irra aane. Duula isaa kana booddee Islaamoota wajjiin araara uume, akka nagadoonni Islaamaa biyya seenaan yeroo eehamu, isaafiis karaan kennamee ABUNA alaa fidachuu dandaye. Yagbia Tsiytoon gaafa du’e ijoolleen isaa aangoorratti walqabuu jalqaban. Haala kana keessatti Habashaan deebi’ee laaffate. Affaarootni haala kan hubatanii ifatti weeraruuf human walitti qabachuu jalqaban. Yeroo kan Habashoonni Affaarootaaf daga dhiisanii araaraman. Araarri kun ammallee fedhii babal’ifannoo Islaamaa quubsuu didee ifaan ifatti weeraruuf qophii gochuu jalqaban. Dhiibbaan Islaamootaa Habashoota walitti itichee sabboonummaa keessatti dagaagse.

Yagiba Tsiyoon booddee waggaa saddeettamaaf Habashoonni eega waljeeqanii booda Amde Tsyoon (1314-44) aangoo qabate. Amde Tsyoon Habashaa daddaaqamuu kana keessaa baasee walitt itichee jabeesse. Kanaaf bu’ureessaa mootummaa Habashaa jedhamee beekama. Bara isaa keessa Habashoonni weerara gurguddaa Affaarootarratti oofanii milkaawan. Amde Tsyoon lola isaa ifatti rukutuun jalqabe. Sulxaan Ifaat bulchaa ture, haqaddiin nama jedhamu ture. Haqq-ad-diin Habashaa loluudhaaf osoo qopkhirra jiruu, ergamaa Habashaa kan Kaayroodhaa galu Islaamummaa fudhachiisuuf yaalee dinnaan ajjeese. Amde Tsyoon kana sababa godhatee bara 1328tti Ifaatitti duula bobbaase. Ifaatiin rukutee moo’e. Haqqaddiin booji’ame. Amde Tsyoon Faxagaariis rukutee eega ofjala galchee booda oobaleessa Haqqaddiin Sabnaddiin itti shuume. Eega Amde Tsyoon deebi’e booda Sabnaddiin Habasharratti fincila kaasuu yaade. Mootummaan Islaama Adiyyaafi Baaletti ergatee akka issaf tumsan gaafate. Agawuttiis dhaamsa ergee akka isaan keessaan itti ficilanii humna mootichaa tamasaasan gaafate. Akeekni isaa Habashatti, karaa lamaa sadiin duulanii of giddutti rukutuu ture. Amde Tsyoon garuu mala isaani kana dafee bira gahee, diinoota saa tokko tokkoon rukutuu jalqabe. Dura hadiyyaa cabse, achii Faxagar, itti aansee Dawwaaroofi Ifaat rukutee cabse. Affaarootiifi Islaamoonni akkasitti saphatti kan cabuu dandayaniif 1 ) mootummaa xixiqqotti waan adda qoodamanii turaniif 2) ummanni isaanii irra guddaa waan tiikfatteefi godaantuu waan tahaniif ture. Amde Tsyoon Faxagar, Dawwaaroo, Ifaatfi Hadiyyaa dhunfatee nama Jamaal addiin jedhamu irratti shuumee gara daga issaatti deebi’e.

Kun lola Habashootaaf Affaaroota jidduu hoggaa tahu Faxagariifi Dawwaaroo keessattiis Oromootaafii Habashoota gidduutti lolli niture. Bara 11329-32tti hoggaa Amde Tsiyoon Faxagariifi Dawwaarotti duulaa ture, lola guddaatu tahee ture. Lola kanan Oromoota hedduutu dhume, qabeenyaan saamamee daangaa hinqabu. Lola balleessi kan lubbuufi qabeenya hinbararre waan taheef, Oromoonni Faxagariifi Dawwaaroo gad dhiisanii jalaa godaanuun dirqii itti tahe. Deebisaanii qabachuuf haa lolan malee, bara Amde Tsiyoon kana keeessatti Oromootni osoo dhiibamnii qarqara laga awaashiin gayan. Ormoon waan qabu fudhatee sababa jalaa godaaneef, keessa qubatanii bulcuu hindandeenye. Duula isaa qideeyfachuuf akka tahuufitti Amde Tsiyoon kaampii waraanaa Manzitti tolfate. Bara isaa kanaa jalqabee Habashoonni qubsuma waraanaa lafa Oromoo keessatti ijaarrachuu jalqaban.

Affaarootni eega bara Amde Tsiyoon cabanii moohamanii hamma 1441tti bayyanachuu hindandeenye. Ifaatiifi naannoo sanarraa fagaatanii ofjaaruu jalqaban. Dakar, Harariifi Awusaatti deebi’anii humna isaanii jabeeyfatanii duulaa turan. Garuu habashaa injifachuu hindandeenye. Bara 1441tti Affaarootni Adaal jedhaman Habashatti lola bananii mohaman. Affaarootni naannoo Awusaafi warri amantii hinfudhatiniis bulchiinsa Habashaa didanii walaqabatanii ficila kaasan. Baayidaa Maariyam (1478-94) waraana karaa lama 1473/74tti itti erge.waraanni lachuu nimoohame. Injifatamuun waraana Habashaa kun jabinafi ol’aantummaa isaa dhabamsiise, eegasii humni gad deemuu jalqabe.

Lolli Oromootaafi Habashoota jidduu hoo? Oromoon bara Amde Tsiyoon Faxagariifi Dawwaaroo keessaa dhiibamanii qarqara laga hawaash ga’anii lolli hindhaabbanne. Mootoomni Habashaa kan Amde Tsiyoon booda dhufaniis Oromoo dhiibuurraa turan. Bara Zara Yaaqoob (1434-68) mootii Habashaa ture waraanni Habashaa Baallii keessatti dhiibachaa ture. Yeroo tokko waraanni Zara Yaaqoobfi Oromootni naannoo Haroo Laangannootti wallolanii turan. Oromoota Baallii keessaa baasuuf haa dhiibaman malee, daga sana dhufachuu hindandeenye. Kuniis Oromoonni looniifi ilmaan isaanii jalaa godaansisanii gaafa dadhabban waan miliqaniif ture. Waraanni Habashaa daga isaarraa fagaatee dhufe kun, waan nyaatu dhabee yeroo beela’u deebi’ee galuuf dirqame. Waraana laafee jiru kana Oromoon karatti eegee daguun rukutee hedduu irraa fixe. Kanaaf lafa Oromoo keessa qubachuu hindandeenye.

Bara 1445tti Oromootni Dawwaroo deebifachuuf lola itti banan. Zara Yaaqoob itti duulee injifate. Waraanni Habashaa duula godhee eega raaw’ate booda gara daga isaatti yeroo debi’u Oromonni ammoo lola jalqabu. Haala duula ba’uufi galu kana xiqqeessuuf, Habashoonni boroo Baallii keessa qubsuma waraana gara biraa tolfatan. Achirraa Dawwaarootti duuluu jalqaban. Lolli kun haaluma kanaan takka ka’ee takka dhaamaa, hamma bara 1468tti itti fufe, dhumarratti Zara Yaaqoob Dawwaaroo keessatti lolarratti moohamee harka Oromootti du’e.

Zara Yaaqoob booddee Baa’ida Maariyam (1468-78) aangoo qabatee duula Oromoorratti godhuu ittifufe. Duula inni Baallii qabachuuf godhe keessatti Oromootni humna isaarraa hedduu fixan. Yeroof Oromo cabsuu dadhaban. Habashoonni qubsuma waraana isaanii kan bara Amde Tsiyoonfi Zara Yaaqoob lafa Oromoo keessatti tolfatanirraa ka’anii salphatti Oromoo weeraruu jalqaban. Lolli gurguddaan Dawwaaroo, Baallifi Faxagar keessatti deemuu jalqabe. Oromoon yeroo kanatti ofijaaree waan hinjirreef midhaa guddaan irragahe. Oromoon dhiibamee Awaashirraa gara kibbaatti ittifame. Naannoo kanatti ittifamuun saas akka inni ofjaaruuf isa dhiibe.

Lola Guddaa Jaarraa 16ffaarraa jalqabe

Ummanni Oromoo jaarraa 13ffaarraa kaasee diinoota lama: Habashootaafii Islaamoota ofrirraa lolaa ture. dinoota kana lameeniis miidhaa guddaatu irra gahaa ture. ofirraa ittisuuf haa faccisu malee, hamma sirna Gadaan ofjaaree jabaateetti akka humnaatti gad ofdhaabuu hindandeenye. Kanaafuu jaarraa 14ffaafi 16ffaa gidduutti Islaamoonnifi Kiristaanoonni Oromoo saamuudhaan dagaagaa turan. Garuu Oromoon walakkeessa jaarraa 15ffaarraa kaasee sirna Gadaa ijaarratee cimaafi jabaataa waan dhufeef roorroo gara lachuun itti dhufu ofirraa ittisuuf lafa isaa deebifachuu jalqabe. Haa tahuu malee, faaraan Oromoo kan cime jaarraa 16ffaa keessa ture. jaarraa 15ffaa keessatti waraana Habashaa wajjiin bara Zara Yaaqoobfi Ba’ida Maariyaam naannoo Hora Laangannoofi Baalli keessatti wal lolanii turan. Lolli jaarraa 16ffaa keessatti deeme ammoo, hundi isaa Gadaan geggeeffamaa ture. lubi tokko akka sadarkaa aangoo qabachuu gahen lolli bifa haarayaan deemaa ture. kanaaf duula Oromoo hubachuuf Luboota ka’anii Gadaa fudhatan waliin laalla.

Weerara Islaamaafi Haala Oromoo

Bara Baa’ida Maariyam waraanni habashaa maoohamee humni isaanii laafachaa deeme. Islaamoonni sana booddee human isaanii jabeeyfataa deeman. Bara Naa’ood (1494-1508) moohe keessatti haala isaan gidduu qabbaneessuuf gamni lachuu fedhii qabuture. Affaaroonni Adaal haala kana osoo argisiisaa jiranii Amiirri Harar- Mahfuuz kan jedhamu Habashaarratti lola bane. Naa’ood yeroof haa injifatuu malee, humni Islaamootaa walqunnamtii Islaamoota addunyaa wajjiin waan qabaniif daran jabaataa deeme. Habashoonni kan hubatanii isaaniis Kiristaana Arooppaatti, keessaahuu Poortugaalatti hidhachuu carraaqan. Bara 1509tti namicha Maatiwu jedhamu Armaantich gara Poortugaalitti ergatan. Haalli kun eega Naa’ood du’ee ilmi isaa Libana Dingil jedhamu ijoollee waan taheef Haati isaa bulchaa turteedha.

Libana Dingil (1508-40) guddatee eega aangoo qabatee haala nagayaan Islaama wajjiin jiraachuu jedhu kan Heleenaa (haadha isaa) geeddaree lola jalqabe. Adaaloonnis ofijaaranii gargaarsa alarraa argatanii waan turaniif Habashaarratti lola labsan. Bara 1516tti Adaaloonni Faxagar qabachuuf weerara jalqaban. Mahaafuuz lola kana keessatti du’e, lolli labsame hamma Imaam Ahmad Ibni Ibrahim al Gahaaztti bakka hin geenye.

Imaam Ahmad (1506-43) ykn Giraanyi Ahmad kan jedhamu ijoollumma isaa lafa Hubta jedhamu kan Baddeessaafii Harar gidduutti dabarse. Imaam Ahmad loltuu jabaa tahee guddate. Human waraanaa walitti qabatee Amiira Harar ajjeesee aangoo qabate. Eega sanaa human isaa guddifatee lolaaf ofqopheessutti ka’e, bara 1527tti human Habashaa kan Adaliin weeraru deemu lolee injifannoo guddaa irratti argate. Lola kana booddee Imaam Ahmad waraana isaa qabatee lola jalqabe. Bara 1529tti bakka shuburaa kuraa jedhamutti waraana Habashaa lolee moohe. Waraanni isaa garuu tiikfattootafi godaantootarraa waan ijaarameef, akkasumas gosa isaatiif waan abboomamaniif lola kan booddee ni faca’e. Kanaaf waggaa lama keessatti waraana haaraya ijaarrachuun dirqii itti tahe. Waraana isaa duwwaaaf ajajamu waggaa lama keessatti ijaarrattee lola itti fufe. Bara 1531tti Dawwaaroofi Shawaa qabate. 1533tti ammoo, Amaaraafi Laastaa dhufate. Baallii, Sidaama, Hadiyyaafi Guraagee yeroo tokkotti ofjala galche. Bara 1535tti Tigree weeraree qabatee habashaarraa harka guddaa qabate. Bakka dhaqetti Islaamummaa fudhachiisaa, bataskaana dhabamsisaa deeme. Liban Dingil gargaarsa Poortugaal gaafate osoo hindhaqqabin lolarratti du’e, Ilmi isaa Galaawudoos (1540-59) itti dabree moohe. Poortugaal waraana nama dhibba afur, qawwee wajjiin ergee ture, Liban Dingil bira gahe. Waraanni Kiristaanootaafi Ahmed Giraanyiis ni faca’e. Haa ta’uu malee, humni habashaafi Islaamootas hedduu hubamaee laffate. Haalli kun Oromoon biyya deebifachuurratti hedduu gargaare.

Duula Oromoo jarraa 16ffaa

Jaarraa 13ffrraa kaasee hamma dhuma jaarraa 15ffaatti Oromoon rakknaafi roorroo guddaa jala ture. Yeroo kana ture yeroo inni daga isaarraa dhiibamee laga Awaash gamatti ittifame. Yeroo kan ture yeroon lolli amantii kan Islaamootaafi Habashootaa gidduutti deeme hedduu isa miidhe. Sababnii saa maalirraa madde? Sabani guddaan jaarmaya isa tokkeessu dhabuusaati. Akkuma Oromoonni adda fagaatanii qubataniin gosa gosaan buluun waan isaan tokkeessu dhabame. Oromootni gosuma gosaan miidhaan isaan mudate malee, sirni walitti isaan itichee waliif tumsiisu hinturre. Kanaf roorroon guddaan irra gayuu dandahe.

Jaarraa 15ffaa keessa hawaasa Oromoo keessatti dagaagni argamuu jalqabe. Sirni tokko isaan taasisee roorroo alagaa ittiin ofirraa ittisan dagaagee hawaasa guutummaa dhaqqabuu jalqabe. Sirni haarayni biqilaa ture kun, yeroo dheera keessa kan dhufe tahullee Oromoota irree jabeessee akka lafa isaanii deebifataniifi roorroo alagaa akka ofirraa deebisan gargaare. Oromoos ummata sodaatamafii kabajamaa taasise. Sirni kuniis Gadaa dha. Jaarraa 16ffaa kaasee ummata Oromoo seenaa keessatti kan beeksiseefi harka isaatti kan hambise sirna kana. Ummanni Oromoo gara jaarraa sadii rakkinaafii roorroo isarra gahee ture ofirraa deebisuuf Gadaan ofijaare. Abbaa Bokkuu tokko jalatti walgurmeesse. Haala siyaasafi waraanaa jabaa tolchee ijaarrate. Jaarmaya isaa kanaan ummatoota naannoo isaa jiran caalatti jabaatee humna sodaatamaa tahe. Daga isaarraa qabatame deebifachuuf duula gurguddaa jaarraa 16ffaa jalqabarraa kaasee eegale, humni jajjaboon kan Habashootaafi Islaamootaa lolaan waldadhabsiisanii waan turaniif haala aanjaa argate.

Duula biyya isaa deebifachuuf Oromoon jaarra 16ffaa keessatti jalqabe kan seenaa barreeysitoonni haala adda addaatiin dhiheessuu barbaadu. Sababoota duulli kun itti dhalachuu dandayan akka adda addaatti himu.

Brus namich jedhamu yeroo burqaa laga Naayil (abbayya)qorachuuf kbiyya Habashaa dhaqe, waa’ee Oromoo qoratee akkas jedhe. “duratti osoo gara daangaa Habashaa hindhufin dura isaan ((Gaalla) walakkeesa Ardii Afriikaa jiraatu turan. Lafti jalaa olka’uu jalqabnaan gost isaanii tokko tokko godaanuu jalqaban. Dura gara bahaa galaana Hindiiti sossohan. Achiti walhoranii gara kaabaatti qaceelanii Dawwaaroofi Baallii qubataan. Gost torba walaqabatnii garaa dhihaatti sossohanii kibba laga Abbaayfi naannoo Gojjaam keessa qubatan. Gartuu sadaffaan ammoo, gosa torba tahee walkeessatii hafanii achirraa gara kibbaatti babal’atan” jedhee ture.
Akka Brus jedhu kanatti sossohiinsa Oromoo kan kaase lafti jalaa olka’uudha. Lafti kun yoom olka’e? Akkamitti? Olka’e kan jedhuuf garuu wanti ibsu hinjiru.

Charles T. Beke bara 1842/3 yeroo Habashaa keessa ture waa’ee babal’ifannoo Oromoo waan qorate niqaba. Oduu afaaniin daddabru Habashootarraa qoratee kan inni lafa kaa’e: “Bara dur Gaallaan doko (savage) ture. beekumsa waan tokko hinqabu, qonna hinqotu, loon hintiiksu, uffata hinbeeku, ija mukaa funaanee, hidda harkaan qotee nyaata ture, dubartiin Amaaraa ykn Kristaanaa tokko bidiruu(qorii) tokkotti nyaata, uffata, eeboo, gaachanaafi mia garagaraa guuttattee baahar gamatti argite. Gaallaa dokoon mia kana yeroo argan baay’ee diqisiifatan, nyaaticha dhandhamanii itti tole, uffata ofitti kaa’an, mia gara biraas ilaalanii itti gammadan. Bakka burqaa qabeenya kanaa qabaachuu qabna ja’anii bahara sana cehanii, gara Kiristaanaa dhufan. Kana booddee waldhabbiin dhalatee lolli tahee biyya Habashaa qabatan” jedhama jedhe.
Bekeen waan akka oduu afaanitti dhiheessu kana keessatti sababa babal’ifannoo Oromoo ibsuuf yaale. Oromoo cabsuuf, tuffachuufii seenaa isaa gara dabarsuuf kan odeeffamuudha malee, dhugaa tokkollee ofkeessaa hinqabu.

Charles T. Bekeen ammallee itti fufee oduu afaanii kan Oromoota Walloo biratti odeeffamu jedhee barreeyse jira. Akka oduu isaa kanatti durii:-
“Oromoon Hawaash gamaa dhufe. Osoo bahara kana hincehin duratti qarqara isaa loon tiikfatuu turan. Gaaftookko binessi jabbii tokko arihee bahara kana ceesise. Jabbiin kun laga sana ceetee achitti walhorte. Galgala hogga gaallaan loon bishaan obaafachuu dhaqu gaaddidduu loon baay’ee arge. Akka hinliqinfamneef harka walqabatanii laga cehanii loona sana dhaalan. Booda biyyi itti tollaan achuma turan. Walhoranii baay’anaan hamma daangaa habashaatti babal’atan” jedha. Oduu afaanii fakkeessanii duula Oromoo akkanatti ibsuu barbaadu.

namich J. Hultin jedhamu ammoo, babal’ifannoon Oromoo haala adda addaarraa tahuun nimala jedha. Akka inni jedhutti haalli qilleensaa waan geeddarameef bishaaniifi marga barbaacha sossohan. Kun sababa tuhuu nidandaya jedha. Garuu eega haalli qilleensaa deebi’ee tolee margaafi bishaaniis argame, maallif babal’i’annoon kun itti fufe jedhee ofgaafata. Kanaaf jedha: J. Hultin, akkaata sababa babal’ifannoo Oromoo ibsuudhaaf haala hawaasa dinagdeefi siyaasaa hawaasa Oromoo qorachuu feesisa jedhee cufe.
Namichi Poortugaal kan Amaanu’eel de Almaad jedhamu sababa babal’ifannoo Oromoo akkaataa lamatti hima. Tokkoffaa Habashoonni amantii katolikii fudhachuu waan didaniif waaqni isaa adabuudhaaf dha’ichaa Gaallaa kana itti erge. Osoo amantii kana fudhatanii kun hundi irra hingayu jedhee barreeyse. Lammaffaa bineessa Liqimsaa jedhamtu naannoo Gaara walaabuu bira isaan facaase. Abbaan muuda isaanii naannooo Walaabu kana jiraata. Naannoon Walabuu lafa baay’ee dinqiiti. Loon adaadii aanna baay’ee keennitu waan tureef namni qotuuf hinrakkatu. Aannan dhugee jiraata. Booda bineessi Lliqimsaa jedhamuu kan bifa saa gegeeddaratu namaafi loon nyaachutti ka’e. Kan baqatanii hamma Habashaatti babal’atan. Kun eegaa waan Almaadaan babal’ina Oromoo itti ibsuu yaaleedha.
I.M.Lewis ammoo, Oromoon babal’achuu kan jalqabe waan Somaaleedhaan dhiibameef jedha. Yaada isaa kana kan deeggaran barreessitoonni maddi saba Oromoo Somaaliyaa keessa warra jedhaniidha.
Asmaaroom Laggasee ammoo, sababni babal’ifannoo Oromoo tahu baay’achuu lakkooysa namaati jedha. Lakkooysi ummata Oromoo jaarraa 16ffaa keessa waan dabaleef lafti itti dhiphannaan irraa godaanuu jalqaban jedha.
J.Hultin ammoo, akka sababaatti hin dhiheessin malee babal’ifannoo Oromoo kan gargaare Gadaan ijaaramuu isaati jedha. Lubi aangoo irra jiru osoo gad hindhiisin, lafa haaraya dabalee qabachuu qaba. Kanaaf akkuma Lubni haarayni dhufee aangoo fudhateen lafti itti dabalameen Oromoon babal’atee lafa guddaa qabachuu dandaye jedha.

Kitaaba(seenaa saba Oromoo fi Sirna gadaa)Birraa/Fulbaana 1995)

(Toleeraa Tasammaa Hundasaa Waaqwayyaa) irraa.

 

http://gadaa.net/wp-content/plugins/google-document-embedder/view.php?url=http%3A%2F%2Fgadaa.net%2Fwp-content%2Fuploads%2F2014%2F10%2FGadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdf&hl=en_US&gpid=1&embedded=true

OSA2014: Remarks by Former Abbaa Gadaa Aagaa Xanxano, and Gadaa Scholar Prof. Asmarom Legesse

The  Oromo Studies Association’s 2014  Annual Conference theme:  “Gadaa and Oromo Democracy: Celebrating 40 Years of Research and Oromo Renaissance.”

 

http://www.gadaa.com/culture.html

http://gadaa.com/oduu/21141/2013/08/09/gadaa-as-the-fountain-of-oromummaa-and-the-theoretical-base-of-oromo-liberation/


http://trace.tennessee.edu/cgi/viewcontent.cgi?article=1005&context=utk_socopubs

http://gabuo.org/index.php?option=com_content&task=view&id=887&Itemid=91

Click to access kaawo_new1.pdf

Click to access History-of-Oromo-Social-Organization-Gadaa-Grades-Based-Roles.pdf

Copyright © The Oromianeconomist 2014 and Oromia Quarterly 1997-2014, all rights are reserved. Disclaimer.

Related articles
Oromia of Dhaqabo Ebba: The Cradle of Mankind Is Also A Home of The Oldest Living person On Earth (oromianeconomist.wordpress.com)

The URI to TrackBack this entry is: https://oromiaeconomist.wordpress.com/2014/10/21/saba-oromoo-fi-sirna-gadaa-the-history-of-the-oromo-nation-and-the-gadaa-system/trackback/

RSS feed for comments on this post.

One CommentLeave a comment

  1. yaa hayyoota keenya dhugumati har’a baay’een hogan teesso kana argadhe eenyummaakoo isa kale fi haaraa baru.4p

    Like


Leave a comment