Mammaaksa Oromoo & the Making of African Philosophy: Converting Knowledge to Wisdom in Traditional African Oromo Society

O
Mammaaks tokko dubbii fida tokko dubbii fixa. 
One proverb gives rise to a point of discussion and another ends it.
Malli garaa sijira bokkuun arka sijira. 
Wisdom is in your mind, “bokkuu” is in your hand.
True Knowledge is wisdom.  The Oromo value wisdom to the highest degree: ‘Rather than to be kissed  by foolish man, I prefer to slapped by  a wise man.’ How is true knowledge acquired?  The Oromo proverbs  answers: By inference, by study, through suffering, by moulding another person, by heart. ‘  One who does not  understand  an inference  will never  understand  the thing as it is.. …  But the great school of knowledge is  experience, long life and old age. … The Oromo proverb  offers  no definition of  knowledge; they are not interested so much in nature of knowledge  as the type of knowledge  they propose  as  a model for  man-in-society, and  it is clearly  a knowledge  obtained through  experience through proximity  to the object, as ‘the calf  is known by the enclosure to have become a bull.’ See  Claud Summer, Ph.D., Dr.h.c (1995), Oromo Wisdom Literature,  Volume I , Proverbs Collection and Analysis.
The traditional Oromo society has been predominately in oral literate. Thus, in all aspects of their life, orality

prevails. Historical, cultural, and political pieces of information go across generations and among the people mainly oral. Information is transmitted from father to son and from person to person in common sayings, folktales, proverbs, oral poetry, riddles etc. Mammaksaa (proverbs) are also used as a medium of transmission of socio- cultural information (Customs, beliefs, norms, moral codes etc.) from elders to the youth and among the people in the present times.

Mammaaksaa ( proverbs) are considered to be the wit and wisdom of elderly people. They are mainly uttered by elders. In other words, conversations among elders in any occasion are rich in proverbial sayings. Thus, the use of proverbs is more frequent in social and cultural occasions where participants are elderly people. The study of Gujii Oromo demonstrates that:

In the contexts of Ebbisaa, elders utter proverbs to each other. Two or more elders may use proverbs in a rapid succession in conversations. In such contexts, the speaker may not give elaborations or explanations of the meanings of proverbs. This is because, all participants in such conversations are elderly people; therefore, are expected to be conversant with the linguistic and cultural information required to understand the meanings of the proverbs. Sometimes, an elder calls attention of listeners (attendants) to a proverb performance by using phrases like mee nadhagay (listen to me), Kun dhuga(this is true) e.t.c and another elder validates the performance by restating the proverb or quoting another proverb with similar meaning.  However, in the contexts of Gumii Ganda, elders utter proverbs to those younger than them. Here, two or more elderly people speak to a younger person with the purpose of informing, admonishing, encouraging, praising criticizing, advising him/her. In this situation, proverbs appear at widely separated intervals; their meanings and their relevance to a topic of discussion are usually made clear. See http://webcache.googleusercontent.com/search?q=cache:http://etd.aau.edu.et/dspace/bitstream/123456789/588/1/TADESSE%2520JALETA.pdf

Makmaaksa Oromoo (Oromo proverbs):

Abba hin qabdu akaakyuuf boochi
Abbaa iyyu malee ollaan namaa hin birmatu
Abbaan damma nyaateef ilma hafaan hin mi’aawu
Abbaatu of mara jedhe bofti hantuuta liqimsee
Abjuun bara beelaa buddeena abjoota
Addaggeen hamma lafa irra ejjettu nama irra ejjetti
Afaan dubbii bare bulluqa alanfata
Afaan gaariin afaa gaarii caala
Afaanii bahee gooftaa namaa ta’a
Akka madaa qubaa, yaadni garaa guba
Akka abalun sirbaan boquu nama jallisa
Akkuma cabannitti okkolu
Akukkuun yeroo argate dhakaa cabsa
Alanfadhuuti gara fira keetti garagalii liqimsi
ama of komatu namni hin komatu
Amartiin namaa hin taane quba namaa hin uriin
Ana haa nyaatuun beela hin baasu
Ani hin hanbifne, ati hin qalbifne
arrabni lafee hin qabdu lafee nama cabsiti
Asiin dhihoon karaa nama busha
“Aseennaa natu dide, kennaa warratu dide otoo nabutanii maal ta’a laata”,jette intalli haftuun
Badduun fira ishee yoo hamattee, baddubaatuun niiti ishee hamatti
Bakkka oolan irra bakka bulan wayya
Bakka kufte osoo hin taane, bakka mucucaatte bari
Balaliitee balaliite allaattiin lafa hin hanqattu
Bara dhibee bishaan muka namatti yaaba

Bara bofti nama nyaate lootuun nama kajeelti!!
Bara fuggisoo harreen gara mana, sareen gara margaa


Barri gangalata fardaati
Beekaan namaa afaan cufata malee hulaa hin cufatu
Biddeena nama quubsu eelee irratti beeku
Billaachi otoo ofii hin uffatiin dhakaatti uffisti
Bishaan gu’a gahe nama hin nyaatiin, namni du’a gahe si hin abaariin
Bishaan maaltu goosa jennaan waan achi keessa jiru gaafadhu jedhe
Bishingaan otoo gubattuu kofalti
Boru hin beekneen qad-bukoon ishee lama
Boftii fi raachi hanga ganni darbutti wal faana jiraattu
Bulbuluma bulbuli hangan dhugu anuu beeka
Buna lubbuuf xaaxa’u warri naa tolii kadhatu
Cabsituun tulluu amaaraatiin giraancee jetti
Citaan tokko luqqaasaniif manni hin dhimmisu
Dabeessa uleen (jirmi) shani
Daddaftee na dhungateef dhirsa naa hin taatu jette sanyoon
Dawaa ofii beekan namaa kudhaamu
Deegan malee waqayyo hin beekani
dhalli namaa otoo nyaattu diida laalti
Dhirsi hamaan maaf hin nyaatiin jedha niitii dhaan
Dhirsaa fi niitiin muka tokko irraa muramu
Dugda hin dhungatan, hunda hin dubbatani
Durbaa fi jiboota garaa gogaa lenjisu
Iyyuuf bakkeen naguma, dhiisuuf laphee na guba
Dhuufuun waliin mari’atanii dhuufan hin ajooftu
Diimina haaduun nyaatani,diimaa arrabaan nyaatu
Dinnichi bakka gobbitetti hordaa cabsiti
Doqnaa fi garbuu sukkuumanii nyaatu
Du’aan dhuufaa jennaan kan bokoke dhiisaa jedhe
Dubbii baha hin dhorkani galma malee
Dubbii jaarsaa ganama didanii galgala itti deebi’ani
Duulli biyya wajjinii godaansa
Eeboo darbatanii jinfuu hin qabatani
Edda waraabessi darbee sareen dutti
Fagaatan malee mi’aa biyyaa hin beekani
Farda kophaa fiiguu fi nama kophaa himatu hin amaniin
Firri gara firaa jennaan kal’een gara loonii jette
Foon lafa jira allaatti samii irraa wal lolti
foon lakkayi jennaan rajijjin tokko jedhe
fokkisaan nama qabata malee nama hin kadhatu
Fuula na tolchi beekumsi ollaa irraa argamaa jette intalli

Gama sanaa garbuun biile (asheete) jennan warra sodaanne malee yoom argaa dhabne jedhe jaldeessi
Gaangeen abbaan kee eenyu jennaan eessumni koo farda jette
Gaangoonn haada kutte jennaan oftti jabeessite jedhani
Gabaan fira dhaba malee nama dhabinsa hin iyyitu
Galaanni bakka bulu hin beekne dhakaa gangalchee deema
Gaalli yoom bade jennaan, gaafa morma dheeratu bade
Gamna gowomsuun jibba dabalachuu dha
Ganaman bahani waaqa jalaahin bahani
Gara barii ni dukkanaa’a
Garaa dhiibuu irra miila dhiibuu wayya
Garbittii lubbuuf walii gadi kaattu, warri qophinaafi se’u
Jaalalli allaatti gara raqaatti nama geessa
Gaashatti dhuufuun daalattii dha
Gogaa duugduun yoo dadhabdu saree arisaa kaati
Gola waaqayyoo itti nama hidhe lookoo malee ijaajju
Goomattuuf goommanni hin margu
Goondaan walqabattee laga ceeti
Gowwaa wajjin hin haasa’iin bakka maleetti sitti odeessa, karaa jaldeesaa hin hordofiin halayyaa nama geessa
Gowwaan ballessaa isaa irraa barat, gamni balleessaa gowwaa irraa barata
Gowwaan bishaan keessa ijaajjee dheebota
Gowwaan gaafa deege nagada
Gubattee hin agarre ibiddatti gamti
Guulaa hin bitiin jiilaa biti
Gowwaa kofalchiisanii, ilkee lakawu
Gowwaa fi bishaan gara itti jallisan deemu
Haadha gabaabduu ijoolleen hiriyaa seeti
haadha laalii intala fuudhi
Haadha yoo garaa beekan ilmoo jalaa qabani
Halagaa ilkaan adii, halangaan isaa sadi
Hanqaaquu keessa huuba barbaada
Haati ballaa (suuloo) ya bakkalcha koo jetti
Haa hafuun biyya abbaa ofiitti nama hanbisa
Haati hattuun intala hin amantu
Haati hattuun intala hin amantu
Haati kee bareeddi jennaan, karaa kana dhufti eegi jedhe
Habbuuqqaa guddinaaf hin quufani
Hagu dhiba jette sareen foksoo nyaatte
Hagu dhiba jette sareen foksoo nyaattee
Halagaa gaafa kolfaa fira gaafa golfaa
Hantuunni hadha ishee jalatti gumbii uruu bartii
Harka namaatiin ibidda qabaa hin sodaatani
Harki dabaruu wal dhiqxi
Harkaan Gudunfanii, Ilkaaniin Hiikkaa Dhaqu
Harree ganama badee, galgala kur-kuriin hin argitu
Harree hin qabnu, waraabessa wajjin wal hin lollu
Kan harree hin qabne farda tuffata
Harreen nyaattu na nyaadhu malee bishaan ol hin yaa’u jette waraabessaan
Harreen yoo alaaktu malee yoo dhuuftu hin beektu
Hidda malee xannachi hin dhiigu
Hidda mukaa lolaan baaseetu, hidda dubbii farshoo (jimaa)n baase
Hidhaa yoo tolcha, gadi garagalchanii baatu

hin guddattuu jennaan baratu dhumee jedhe
Hiriyaa malee dhaqanii gaggeessaa malee galu
hiyyeessaf hin qalani kan qalame nyaata
Hoodhu jennaan diddeetu lafa keenyaan hatte
Hoolaan abbaa abdatte, diboo duuba bulchiti
Hoolaan gaafa morma kutan samii(waaqa) arkiti
Ija laafettiin durbaa obboleessaf dhalti
Ijoollee bara quufaa munneen ibidda afuufa
Ijoollee hamtuun yoo nyaataaf waaman ergaaf na waamu jettee diddi
Ijoolleen abaa ishee dabeessa hin seetu
Ijoolleen quufne hin jett, garaatu na dhukube jetti malee
Ijoolleen quufne hin jettu beerri fayyaa bulle hin jettu
Ijoolleen niitii fuute gaafa quuftu galchiti
Ijoollee qananii fi farshoo qomocoraa warratu leellisa
Ijoollee soressaa dhungachuun gabbarsuu fakkaatti
Ilkaan waraabessaa lafee irratti sodaatu
Ilmi akkoon guddiftu dudda duubaan laga ce’a
Intalli bareedduun koomee milaatiin beekamti
Intallii haati jajju hin heerumtu
Itti hirkisaan kabaa hin ta’u
Ittiin bulinnaa sareen udaan namaa nyaatti
Jaamaan boru ijji keen ni banamti jennaan, edana akkamitin arka jedhe
Jaarsi dhukuba qofaa hin aaduu, waan achisutu garaa jira
Jaarsii fi qalqalloon guutuu malee hin dhaabatu
Jabbiin hootu hin mar’attu
Jaalalli jaldeessa yeroo fixeensaa garaa jalatti, yeroo bokkaa dugda irratti nama baatti
Jaalala keessa adurreen ilmoo nyaatti
Jaalalli allaatti gara raqaatti nama geessa
Jarjaraan re’ee hin horu
Jarjaraan waraabessaa gaafa ciniina
Jibicha korma ta’u elmaa irratti beeku
Jiraa ajjeesuun jalaa callisuu dha
Kadhatanii galanii weddisaa hin daakani
Kan abbaan gaafa cabse halagaan gatii cabsa

Kan abbaan quba kaa’e oromi(namni, halagaan) dhumdhuma kaa’a
Kan afaanii bahee fi kan muccaa bahehin deebi’u
Kan bishaaan nyaate hoomacha qabata
Kan citaa qabaa tokko namaa hin kennine mana bal’isii gorsiti
Kan dandeessu dhaan jennaan gowwaan galee nitii dhaane Adaamiin ollaa hagamsaa jiru bara baraan boo’aa jiraata
Kan gabaa dhagahe gowwaan galee niitii dhokse
Kan hanna bare dooluutu sosso’a
Kan hordaa natti fiiges, kan haaduun natti kaates bagan arge jette saani du’uuf edda fayyitee booda
Kan humnaan lafaa hin kaane yaadaan Sudaanitti nagada
Kan ilkaan dhalchu kormi hin dhalchu
Kan namni nama arabsi irr, kan abbaan of arabsutu caala
Kan of jaju hin dogoggoru

kan qabuuf dabali jennaan harreen laga geesse fincoofte
Kan quufe ni utaala, kan utaale ni caba
Kan tolu fidi jennaan, sidaama biyya fide
Kan tuffatantu nama caala, kan jibbanitu nama dhaala
Kan tuta wajjin hin nyaanne hantuuta wajjin nyaatti
Kan waaqni namaa kaaße cululleen hin fudhattu
Karaa foolii nun hin jedhani jette wacwacoon
Karaan baheef maqaan bahe hin deebi’u
Karaan sobaan darban, deebi’iitti nama dhiba
Karaa dheeraa milatu gabaabsa, dubbii dheeraa jaarsatu gabaabsa
Karaa fi halagaatu gargar nama baasa
Keessummaan waan dhubbattu dhabde mucaa kee harma guusi jetti
Keessummaan lolaa dha abbaatu dabarfata
Keessa marqaa boojjitootu beeka
Kijiba baranaa manna dhugaa bara egeree wayya
Kokkolfaa haati goota hin seetu
Kormi biyya isaatti bookkisu biyya namaatti ni mar’ata
Kursii irra taa’anii muka hin hamatani
Lafa rukuchuun yartuu ofiin qixxeessuu dha
Lafa sooriin du’e baataatu garmaama
Lafaa fuudhuutti ukaa nama bu’a

Lafti abdatan sanyii nyaatee namni abdatan lammii nyaate
Laga marqaa jennaan ijoolleen fal’aanaan yaate
Lama na hin suufani jette jaartiin qullubbii hattee
Leenci maal nyaata jennaan, liqeeffatte jedhe, maal kanfala jennaan, eenyu isa gaafata jedhe
Lilmoon qaawwaa ishee hin agartu, qaawwaa namaa duuchiti
Lukkuun(hindaaqqoon) haatee haateealbee ittiin qalan baafti
Maa hin nyaatiin jedha dhirsi hamaan
Maal haa baasuuf dhama raasu
Mammaaksi tokko tokko dubbii fida tokko tokko dubbii fida
Mana haadha koon dhaqa jettee goraa bira hin darbiin
Mana karaa irra kessumaatu itti baayyata
Manni Abbaan Gube Iyya Hin Qabu
Maraataa fi sareen mana ofii hin wallalani
Maraatuun jecha beektu, waan jettu garuu hin beektu
Marqaa afuufuun sossobanii liqimsuufi
Marqaan distii badaa miti, irri ni bukata, jalli ni gubata
Marxoon otoo fiiganii hidhatan otuma fiiganii nama irraa bu’a
Mataa hiyyaassaatti haaduu baru
Midhaan eeguun baalatti hafe
Mucaa keetiin qabii mucaa koo naa qabi jettehaati mucaa
Muka jabana qabu reejjiitti dhibaafatu
Morkii dhaaf haaduu liqimsu
Nama foon beeku sombaan hin sobani
Namni akka fardaa nyaatu, gaafa akka namaa nyaate rakkata
Namni beela’e waan quufu hin se’u
Namni dhadhaa afaan kaa’an, dhakaa afaan nama kaa’a
Namni gaafa irrechaa duude, sirba irreechaa sirbaa hafa
Namni guyyaa bofa arge halkan teepha dheessa
Namni hudduu kooban galannii isaa dhuufuu dha
Namni mana tokko ijaaru citaa wal hin saamu
Namni nama arabsu nama hin faarsu
Namni badaan bakka itti badutti mari’ata
Namni gabaabaan otoo kabaja hin argatiin du’a
Namni qotiyyoo hin qabne qacceen qalqala guutuu dha
Nama kokkolfaa nama miidhuu fi bokkaan aduu baasaa roobu tokko
Niitiin dhirsaaf kafana
Niitiin marii malee fuudhan marii malee baati
Niitiin afaan kaa’aami’eeffatte yoo kabaluuf jedhan afaan banti
Nitaati jennaan harree qalle, hin tatuu jennaan harree ganne, qoricha jennaan isuma iyyuu dhaqnee dhabne
Obboleessa laga gamaa mannaa gogaa dugduu(faaqqii) ollaa ofii wayya
Obsaan aannan goromsaa dhuga
Obsan malee hn warroomani
Ofii badanii namaa hin malani
Of jajjuun saree qarriffaan udaani

Ofi iyyuu ni duuti maaliif of huuti
Ofii jedhii na dhugi jedhe dhadhaan
Okolee diddu okkotee hin diddu
Ollaa araban jira akkamittin guddadha jette gurri
Ollaan akkam bultee beeka, akkatti bule abbaatu beeka
Ollaafi garaan nama hin diddiin
Ollaa fi kateen nama xiqqeessiti
Ol hin liqeessiin horii keetu badaa, gadi hin asaasiin hasa’aa keetu bushaa’a
Otoo beeknuu huuba wajjin jette sareen
Otoo garaan tarsa’e jiruu, darsa tarsa’eef boossi
Otoo farda hin bitiin dirree bite
Otoo fi eegeen gara boodaati
Otoo garaan dudda duuba jiraate, qiletti nama darbata
Otoo sireen nama hin dadhabiin tafkii fi tukaaniin nama dadhabdi
Qaalluun kan ishee hin beektu kan namaa xibaarti
Qaban qabaa hin guunnee gad-lakkisan bakkee guutti
Qabbanaa’u harkaan gubnaan fal’aanan
Qabanootuharkaa, hoo’itu fal’aanaan
Qabeenyi fixeensa ganamaati
Qalloo keessi sibiila
Qalladhu illee ani obboleessa eebooti jette lilmoon
qaaqeen yoo mataan ishee marge bade jetti
Qarri lama wal hin waraanu
Qeesiinwaaqayyoo itti dheekkam, daawwitii gurgurtee harree bitatte
Qoonqoon darbu, maqaa hin dabarre nama irra kaa’a
Qoonqoon bilchina eeggattee, qabbana dadhabde
Qorichaofii beekan namaa kudhaamu
Qotee bulaa doofaan, miila kee dhiqadhu jennaa, maalan dhiqadha borus nan qota jedhe
Qurcii dhaan aboottadhu jennaan, qophoofneerra jedhe
Raadni harree keessa ooltedhuufuu barattee galti
Sa’a bonni ajjeese ganni maqaa fuudhe
Saddetin heerume jarjarrsaa akka baranaa hin agarre jette jaartiin, salgaffaa irratti waraabessi bunnaan
Salphoo soqolatte soqolaa gargaaru
Saree soroobduun afaan isheef bukoo ykn. dudda isheef falaxaa hin dhabdu
Sabni namatti jiguu irra gaarri (tulluun) namatti jiguu wayya
Sareen duttu nama hin ciniintu
Sanyii ibiddaa daaraatu nama guba
Sareen warra nyaattuuf dutti
Seenaa bar dhibbaa baruuf bardhibba jiraachuun dirqama miti
Shanis elmamu kudhanis, kan koo qiraaciitti jette adurreen
Sirbituu aggaammii beeku
Sii uggum yaa gollobaa, anaafoo goommani ni dorroba inni gurr’uu soddomaa jette jaartiin horii ishee gollobaan fixnaan
Sodaa abjuu hriba malee hin bulani
Soogidda ofiif jettu mi’aayi kanaachi dhakaa taata
Sombaaf aalbee hin barbaadani
Suphee dhooftuun fayyaa gorgurtee, cabaatti nyaatti
Taa’anii fannisanii dhaabatanii fuudhuun nama dhiba
Takkaa dhuufuun namummaa dh, lammmeessuun harrummaadha
Tikseen dhiyootti dhiifte fagootti barbaacha deemti
Tiksee haaraan horii irraa silmii buqqisaa oolti
Tokko cabe jedhe maraataan dhakaa gabaatti darbatee
tokko kophee dhabeetu booha, tokko immoo miila dhabee booha
Tufani hin arraabani
Udaan lafatti jibban funyaan nama tuqa
Ulee bofa itti ajjeesan alumatti gatu
Ulee fi dubbiin gabaabduu wayya
Ulfinaa fi marcuma abbaatu of jala baata
Waa’een garbaa daakuu fi bishaani
Waan ergisaa galu fokkisa
Waan jiilaniin kakatu
Waan kocaan kaa’e allaattiin hin argu
Waan namaa kaballaa malee hin quufani
Waan samii bu’e dacheen baachuu hin dadhabu
Waan uffattu hin qabdu haguuggatee bobbaa teessi
Waan warri waarii hasa’aan, Ijoolen waaree odeesiti
Wadalli harree nitii isaa irraa waraabessa hin dhowwu
Wal-fakkaattiin wal barbaaddi
Wali galan, alaa galan
Wallaalaan waan beeku dubbata, beekaan waan dubbatu beeka
Waaqaaf safuu jette hindaaqqoon bishaan liqimsitee
Warra gowwaa sareen torba
Waraabessi bakka takkaa nyaatetti sagal deddeebi’a
Waraabessi biyya hin beekne dhaqee gogaa naa afaa jedhe
Waraabessi waan halkan hojjete beekee guyyaa dhokata
Yaa marqaa si afuufuun si liqimsuufi
Yoo ala dhiisan mana seenan, yoo mana dhiisan eessa seenan
Yoo boora’e malee hin taliilu
Yoo ejjennaa tolan darbatanii haleelu
Yoo iyyan malee hin dhalchanii jedhe korbeesi hoolaa kan re’eetiin
Yoo suuta ejjetan qoreen suuta nama waraanti
yoo dhaqna of jaalatan fuula dhiqatu
Yoo namaa oogan eelee jalatti namaa marqu
yoo ta’eef miinjee naa taata jette intalli

Photo: Jecha sirrii
Photo
Qawwee dhufe dubbin dhufe
When an Amhara came, a problem came
Yaraadha jennaan kan nadheen dhiitu.
A bad man is he who kicks a woman.
Abbaan waraanaa dubbii waaraana dubbata. 
A leader of war talks about war.
Olkaa’an fuudhan malee olka’an hinfudhan. 
One takes tomorrow what he/she puts by today.
Mataa malee balbala hinbaan. 
Head goes through a door before the other parts of the body.
Mana ofii dhakaa itti baatan. 
One carries a stone in his home.
Nama duloometu waa hima. 
It is an elderly person who tells something.
Nama dubbiin nama dhibe cal’dhisan dhiban. 
When a person troubles you with a disappointing word, trouble him with silence.
Beekaan afaan cufata malee balbala hincufatu. 
A wise man shuts his mouth, but not his door.
Kan suuta deemu qoraatiin suuta seent.
A thorn slowly gets into the body of a person who walks slowly.
Dhugaan ganama huqqattee galgala gabbatti.
Truth looks thin in the morning but grows fat in the evening.
Dhugaan niqallatti malee hincabdu. 
Although it is thin, truth doesn’t break.
Cubbuun dura furdifte booda qallisti. 
Sin makes someone plump at first and emaciated later.
Cubbuun takka tratii takka dhaqabdi.
Sin goes slowly but reaches timely.
Nama abbaa jedhaniin obboo hinjedhan. 
One doesn’t call someone “brother” after he has called him “father”.
Nama sobatanu hinsobanu. 
One doesn’t lie to a person he/she likes.
Durba qaban qabaa qaddi.
Abusing a girl is calling for a problem.
Mukiti Lubbu, lubbuu hinuban. 
Trees are life, one doesn’t harm life.
Qoosa ilaa jettee ballan.
Don’t be careless to an eye said a blind person.
Garibicha lubbuuf dheechu, Ormi jabina jaja. 
While a slave runs to save his life, observers appreciate his strength.
Bultiin bultuma akka itti bule abbaatu beeka. 
Life appears to be similar, but only individuals know how they live.
Namni iyyoome takka lafa reeba, takka nama reeba. 
A poor person, sometimes beats the ground, and at other times persons.
Okkoteen Waaqa hinbeekne eelee bishan kadhatti.
A pot that doesn’t know God, begs “eelee”for water.
Madaan hiyyeessaa madaa bineensaati. 
The wound of a poor person is the wound of a beast.
Maali maqnee” jette sareen jaamaa sagal dhalte. 
“What’s our sin” said a bitch after giving birth to nine blind pups.
Garaan gadde imimmaan hinqusatu. 
A sad heart never lacks tear.
Manni abbaan gube abbaa hube. 
A house burnt by its owner harms the owner himself.
Dhibeen finyaan qabe hidhii hinanqatu. 
A disease that has infected the nose doesn’t fail to reach the lips.
Nama gurraan du’erra nama lubbuun du’e wayya. 
A person who lost his life is better than a person whose name is
spoiled.
Namin ulfina hinbenne ulfina hinfedhu. 
A person who doesn’t know the value of respect doesn’t need respect.
Of beektuun sooda lagatti.
A boastful person abstains from salt.
Odeessaan oduu yakka dhuufuun hirriba yakka. 
A talkative person distorts information as fart disrupts sleep.
Namin ofiif hintolle ormaaf hintolu. 
A person who can’t help himself can’t help others.
Odoo kolfatuu ulfooftee gaafa daya booche. 
She conceived while laughing and cried during labour.
“Waan hinjirree hinjirtu,”jedhan.
It is said, “nothing is new”.
Warri Badu Walhinbadadu. 
A discordant family doesn’t care for its members.
Warri horu wallirra hingoru. 
Members of a concordant family care for each other.
Dubbiin dubbii fida. 
A vicious word gives rise to another vicious word.
Madaa hamtuu fayyan malee jecha hamtuu hinfayyan. 
Bad wound does heal but bad word doesn’t.
Namin nama abaaru nama hinfaarsu. 
A person with scoffing tongue doesn’t praise.
Allaatiin waan lafaaf lafatti waliloolt.
Hawks quarrel on the ground for something on the ground.
Bubbeef bara hamaa guguufan bayani.
One goes by wind and hard time by bowing down.
Baraaf furgugoo gadijedhan dabarfatan. 
One lets the passage of time and furgugoo (a thrown stick) by bowing
down.
Bara Baraan dabarsan. 
A time passes after a time.
Keessummaan akka warri bulutti bulti. 
A guest sleeps in a manner the host sleeps.
Madda bu’anii Jiidha hinlagatan. 
After coming to stream, exposing oneself to damp is inevitable.
Lafa ilaalanii muka dhaabani. 
One plants a tree after observing the ground.
Karaaf dubbii arganuu dhiisan. 
One turns back from road and dubbii (abnormal speech) observing them.
Karaa malee deemuun laga nama bulcha.
Going on a wrong way makes someone face a problem.
areen qaroon untee qadaaddi. 
A wise dog covers a container after drinking what it contains.
Waraana jannatti dheessanii dubbii qarootti dheesssanii.
As war is prevented by a patriot; a problematic case is solved by a
wise man.
Hantuunni boolla lamaa daftee hinduutu. 
A rat, which has two holes, lives long.
Kan farade dhabe harreen garmaama. 
Someone who doesn’t have a horse rides on a donkey.
Aanaan reeffatti aana. 
A person stays close to a dead body of his relative.
Ollaaf aduutti gadi bahan. 
One comes out to the sun and his neighbour.
Ballaan fira qabu ila qaba. 
A blind person who has relatives can see.
Kophaa dhiqanii xurii hinbaasan. 
By washing alone, one can’t avoid dirt.
Kophaa nyaattuun qophaa duuti. 
A person who eats alone dies alone.
Harki nyaate nama hinnyaatu. 
A hand that has been helped doesn’t refuse to help others.
Harkaan harka fuudhan. 
One receives a hand by his hand.
Nama jaalatan bakka rafisan hindhaban.
One doesn’t lack a bed for a person whom he loves.
Laga malee garaan walittinyaa’u. 
Without a course, hearts may not come to each other.
Marii’ atan malee maraatan biyya hinbulchan. 
It is possible to administer people by discussion but not by force.
Warri marii qabu dibicha qalata warri marii hinqanne raadaa
qalata. 
A concordant family slaughter a young bull while a discordant
one slaughters a heifer.
Nama mannatti walii galetuu alaa waliin gala. 
People who agree with each other at home can come back
home together.

Mammaaksota Dubartootaa Oromoo

1.     Heeruma dharraanee(hawwinee) heerumnaan rarraane (rakkannee)

2.     Asuu oolle jette tan heerumaaf muddamte”

3.     Takkattii qayyannee taduraa hanqannee  ykn takkaa qayyannee lukaa gubanne

4.     Bakka dhiiganii hin fiigan.

5.     Kana muranii kamiin fincaayan jette haati manaa inni ofirraa mura jennaan.

6.     Kaanittuu abbaa argadhu jette haati intalaan.

7.     Intalti ariifattuun haadha ciniinsuubarsiifti

8.     Akka beekutti dhalaa(dahaa) nadhiisaa jette intalti harka namaa diddu

9.     Sirbaaf bayanii morma hin dhofatan jettee intalti waa hin saalfannee.

10.  Akka ebaluutti sirbaan morma nama jallifti jette intalti qalbii qabdu.

11.  Mucaa deenna malee mucaa hin geennu jette intalti of tuffatte.

12.  Wol  akkeessee ollaan marqa balleesse jette intalti ofiin bultun .

13.  Akka aadaa teennaa gaara gubbaa baanee teenna jedhe harmi dubartootaa.

14.  Ati baldi ta dhiirsa ka’imaa jette intalti abbaan manaa isii jaarsaa.
(Baldu : ashuu,qoosuu,taphachuu, busheesuu)

15.  Har’allee moo jette haati ijoolleen beelofne (shoomofne) jennaan isiin bakka cidhaatii quuftee waan galteef

16.  Ani ufiif hin jennee, mucaan keessan ka hangafaa sun fuudha hin geennee? jette intalti mucaa kajeelte.

17.  Soddaa fi dayma hin duudhatan.

18.  Osoo dhukubsataan jiru, fayyaalessi du’a.

19.  Ana bakki na dhukubu asii mitii maraafuu bakkuma gooftaan kiyya jedhe san kooba jette bookeen.

20.  Makkitu malee makkaa hin hajjan

(Makkitu : naamaaf mijooftu/mijaa’u)

21.  Akka dida’aa fi akka didanaatti na galchi

22.  Daalun xaraan kaanu tara.

Qopheessan : Abdii Boriiti

http://opride.com/hamba/?p=231

 

Tokko Jennee, lama Jenna jedhuu Oromoon.

First you say “one” then you can say “two”.

Mila mataa hoo’qu.

The feet scratching the head.

Dubbin dubbii fida, mammaaksi dubbii fixa.

Trouble will only bring trouble, but a proverb can end troubles.

 

Qeeransa eegee hin qaban qaban hin gadhiisiin.

Don’t grab leopard’s tail. If you do, don’t let go.

 

Beekan namaa afaan cufata malee hulaa hin cufatu.

A wise man shut his mouth, not his door.

 

Gaariin mudaa hin’dhabu jedhuu Oromoon.

Even a good person is not faultless.

 

Foon lafa bu’e huba malee hin’deebu jedhuu Oromoon.

If a piece of meat drops on the ground, it can never be picked up without particles of dust.

 

Arrabni lafee hin qabdu garuu lafee nama cabsiti jedhuu Oromoon.

The tongue has no bones, but it can break bones.

 

Luka lama qabaataniif, muka lama hin koran jedhuu Oromoon.

Just because you have two legs, it does not mean you can climb two trees.

 

 

Abbaan damma nyaateef ilma hafaan hin mi’aawu jedhuu Oromoon.

Just because the father eats honey it does not mean the son’s mouth is sweet.

 

Waaq nagaan nu oolche, nagaan nu haa bulchu. Kan nagaan nu bulche, nagaan nu haa oolchu.

God has given us a good day, may He also give us a good night. He that has given us a good night, may he also give us a good day.

 

Ariifataan hori gata jedhuu Oromoon.

One who hurries throws away money.

 

Gowwaan bara soorome nyaatee, bara deege nagada jedhuu Oromoon.

A foolish person eats when he is rich and trades when he is poor.

 

Dharraa fooni hancooteen hin’baasu jedhuu Oromoon

The craving from meat cannot be cured by eating a root plant.

 

 

Amali Hamadan abba rakkisa jedhuu Oromoon.

Evil habits give birth to problems.

 

 

Arrabni lafee hin qabdu garuu lafee nama cabsiti jedhuu Oromoon.

The tongue has no bones, but it can break bones.

 

Fagaara dhuufetu na’a jedhuu Oromoon.

A farting buttock is frantic.

 

 

It is easier to catch a flame using another’s hand.

Harka abbaa tokkotin ibidda qabbaachuun nama hindhibu jedhu Oromoon.

 

Jabbiin harree waliin oolte dhuufuu bartee galtii.

if only our tongues were made of glass,then we would be very careful when we speak!

 

Wal sobuu mannaa, wal gubuu Wayya jedhuu Oromoon.

Rather than lie to each other, it is better to fight it out.

 

Fardi harree wajjin oole, akka harree Nama dhiita jedhuu Oromoon.

The horse which grazes with a donkey kicks like a donkey.

 

Dubbii barbaacha sareen gabaa baate jedhuu Oromoon.

To look for trouble the dog goes to the market.

 

 

Qaalluun Kan bira himiti malee, kan shee hin beektu jedhuu Oromoon.

A soothsayer tells for another but does not know for themselves.

 

 

Sannyii Kan facaasantu marga jedhuu Oromoon.

What is sow will sprout.

 

Surree fi niitii wajjin kufuu jedhuu Oromoon.

Like the trousers fall together with the man, So the man falls together with his wife.

 

Gowwaan bara soorome nyaatee, bara deege nagada jedhuu Oromoon.

A foolish person eats when he is rich and trades when he is poor.

 

 

What God has preserved for the tortoise, the eagle can never take it.

Kan Waaqi qocaaf kaa’e, cululleen hin fudhattu jedhuu Oromoon.

 

Indaanqoon ka’a ganamfattee, gombisaa jala ooltin jedhuu Oromoon.

 

Though a chicken rises early, it spends the whole day under the grain store.

 

Harmatu lama malee, aannan tokkichuma jedhuu Oromoon.

There are two breasts but the milk is the same.

 

Qunceen wol gargaartee arba hiiti jedhuu oromoon.

A strip of bark united will tie an elephant.

 

 

Abbaa hinqabdu akaakayyuuf boosi jedhan.

He does not have a father so he cries for his grandfather.

 

Niitii waa lama jaallattu gabaa hin’basin jedhuu Oromoon.

Never send a woman who likes two things to the market.

 

Biyya goophoon baay’atutti isa ol jedhee deemutu fokkisa.

In the land of the hunchbacks those who walk upright look ugly.

 

Speaking gave me troubles, scratching gave me scabies.

Dubbannaan dubbii ta’e, hooqqannaan cittoo ta’e.

 

Silaa hinolu, kajeelaa dura waami.

Since he is going to come anyway, invite the freeloader first. (i.e. accept the inevitable).

 

Yaa marqaa, sii afuufuun, sii liqimsuufi jedhuu Oromoon.

Dear porridge, the reason why I blow when your hot is so that I can swallow you more easily.

 

Looni hinqabnu, hattuu jibba hindhaqnu, jedhe gowwaan.

We don’t have cattle, hence we don’t hate thieves, said the fool.

 

Utuu ani gaafaaf bohuu, gurra nakutani jette harreen.

While I cry for horns, they cut my ears said the donkey.

 

 

* Dubartii waa sagaliin horatu!
~ Sadi gorsaan
~ Sadi obsaan
~ Sadi dhoksaan
* Ilmi namaa haala jireenya isaatiin bakka
saditti qoodama!
~ Tokko kan biyya jiru
~ Tokko kan biyyaaf jiru
~ Tokko kan biyyatti jiru
* Namni lafee coru waa sadi fakkaata!
~ Yoo ija itti babaasuu, goota fakkaata.
~ Yoo afaan itti banu, waraabessa
fakkaata.
~ Yoo itti gororu, daa’ima fakkaata.
* Namni kijibu waa sadihiif muddama!
~ Hanga dhagahuuf
~ Hanga himuuf
~ Naa dhoksaafis ni muddama.
* Gowwaan waa sadi jaalata!
~ Osoo hin dubbisin dubbachuu
~ Osoo hin gaafatin himuu
~ Osoo hin tuqin aaruu
* Keessummaa waa sadihiin kabaju!
~ Erbee rifeensa hin qabne
~ Lafee foon hin qabne
~ Foon lafee hin qabne
¤ Hiikni isaas:
~ Erbeen rifeensa hin qabne, fuula ifaan
simachuudha.
~ Lafeen foon hin qabne, ilkaan gaariin
wajjiin kolfuudha.
~ Foon lafee hin qabne immoo, arraba
qajeelaan itti haasahuudha.
* Waa sadi fafa, waa sadi fafaa miti!
~ Lolaaf bahanii waraana dhabuun fafa.
Lolaaf bahanii waraana dhabuun fafaa
mitii, onnee dhabutu fafa.
~ Du’anii ibaadaa dhabuun fafa. Du’anii
ibaadaa dhabuun fafaa mitii, durumaan
ibaadaa dhabutu fafa.
~ Barumsaaf bahanii qalama dhabuun fafa.
Barumsaaf bahanii qalama dhabuun fafaa
mitii, kaayyoo dhabutu fafa.
* Waa sadi dura badee, waa sadi tura bade!
~ Makkalli dura badee, hayyichi tura bade.
~ Maxaanaan dura badee, arreedaan tura
bade!
~ Doqnichi dura badee, arjichi tura bade.
* Ilmi namaa sadi!
~ Tokko kan abbaa caalu
~ Tokko kan abbaa dhaalu
~ Tokko kan abbaa dhaanu
WAAQNI ILMA KASAARAAFI ABBAA
DHAANU IRRAA NU HAABARARU!
* Namni dhugaan wal-jaalatu waa sadiin
wal-jaalataan
Garaa dhaan
Onnee dhaan
Dhugaa dhaan

 

 

 

 

 

 

 

EEBBA FUDHAA (Oromo Blessing)

Hin ta’iina warraa umurii gabaaba
Umurii ga’aa raagaa
Gurraan aaga dhaga’aa
Ijaan waan gaarii argaa
Harkaan hojii qabadhaa
Miillaan deemaa qaqqaba
Yaada keessaniin of ta’aa
Afaaniin dhugaa lallabaa
Kan yaaddaa milkaa’aa
Raftan Abjuu qabadhaa
Jaalaalan waaqa qabadhaa
Akkoof akaakayyuu argaa
Abiddaa bira ijoollee
Goorroo duuba jabbilee
Sanyii facaasaa haammadhaa
Isiin jalaa hin ta’iin armaa
Dheebottan dhugaa booka
Beeloftan nyaadhaa cooma
Hunda quufaa
Golaa gumbii quufaa
Goodaa calla quufaa
Dallaadhaa horii quufaa
Sa’aa fi nama biqilaa
Qilxuu ta’aa irraa dagaagaa
Qilxuu ta’aa jala jabaadhaa
Waleensuu kormaa ta’aa
yaabbiif bu’a dhowwadha
Abidda gaara yaade ta’aa
Gamaaf Gamanattii mul’adha
Waaqni isinirraa ha dhowwuu
Jalloo jallattuu, kan sobdee boquustuu
Sanyii sanyii ishee nyaatuu
Rabbii isinirraa haa ifatuu
Yaada isiin haa laatuu!!!
Gaadaan Gaddaa Bilisummattii!!
Injifaannoon kan ummata oromottii!!

The URI to TrackBack this entry is: https://oromiaeconomist.wordpress.com/2014/08/29/mammaaksa-oromoo-the-making-of-african-philosophy-converting-knowledge-to-wisdom-in-traditional-african-oromo-society/trackback/

RSS feed for comments on this post.

Leave a comment